Waraana Tigraay: Humnootiin TPLF deebiisanii Maqalee to’atan

Humnootiin TPLF magaalaa guddoo Naannoo Tigraay, Maqalee to’achuu isaanii maddeen qabatamoo ta’an BBCf mirkanneessan. Ummanni magaalattiis daandiitti bahuun gammachusaanii ibsachaa jiraachuus jiraattonni BBCtti himaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Maqalee akka himaniitti, humnootiin Adda Bilasa Baasaa Tigraay (TPLF) daandiiwwanii fi buufata xiyyaaraas to’ataniiru.

Wiixata guyyaa humni raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa magaalattii gadhiisee bahaa jiraachuufi jiraattoonni ammoo muddama keessa jiraachuu arguu jiraattoonni BBCtti himan.

Miidiyaa mootummaa kan ta’e FBC galgala keessa akka gabaaseetti, mootummaan federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan Waxabajjii 28 irraa kaasee hojiirra ooluu Tigraay keessatti labseera.

Labsiin dhukaasa dhaabuu kun hojii qonnaa waqtii gannaa fi hojii deeggarsa namoomaaf jecha gaaffii bulchiinsi yeroo Tigraay dhiyeesseen kan labsame ta’uu mootummaan federaalaa Itoophiyaa ibsus, TPLF garuu injifannnoo dirree waraanaa irratti argateen magaalaa Maqalee deebisee to’achuu ibse.

Dhukaasa dhaabuu ykn ‘Ceasefire’ jechuun maali?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *