Seennaa Uummata Oromoo Godina Iluu Abbaa Boor Kutaa 3ffaa!

Muu yaa Caalii shoonee!
ka’ii Caalii Shoonee maaf nu gattee raftaa?
Qe’ee abba keetitti hirribaan mo’amtaa
Mal mal dhabdee shonoo maaltu sitti hirra’atee
Ciisa keetuu dheraate, maf barii jinooftaa
…………………….. maa jinni nuti ooftaa
Ka’ii bariidhani Daarimuu mil’adhuu
Ayyaana abba keetii Iluu nuu karadhuu
Sadatii Buree fi Adbaarii Mattuufaa
Leenca Saddeqiyyoo fi Maaramii Goreefaa
Ka’ii maqaa waamii barii hin jinaayini
Ka’ii Caalii Shoonee nu jalaa hin diddinii
Ursaan kurrufikee inni Sooriin kessaa
Hojjaan araarakee fixee hanbabessaa
Bareenni surraakee akka abbaa Boraa
Bayyinni arjummaakee akka Ogiyoo Mooraa
Mi’aan firummaake akka damma Diduu
Ballinni garaakee adii akka dhadhaakee
Muu Caalii Shoonee….
Hinjoorta jedhanii abjuun joortuu tatee
Qe’eekee dagattee adadaakee gattee
Ayyaana abbaa keetii irraa tarkanfattee
Hin jortaa jedhanii abjuun jortuu tatee
Yoo hirriba mootee na dhagessaa tatee
Caalii motii Iluu Caalii abba damaa
Kanaan sitti dhamaa
Muu Caalii Shoonee maaluma sigoonee
Wadessaa fi Qilxuu Ejersaaf Birbirsa
Gatiraa fi Burii Warkaaf Hanbabessa
Kaleessa nuuf dhabdee nus kessaa fignerraa
Bosonuu hordofnee qerransa arginerraa
Kuruphee arinee Leenca afaan bufnerraa
Qalameetti wacnee nutti kofaltettii
Jaldessatti dullee jarris caraantettii
Boyyee faana dhofnee xissaa arginerraa
Sinbirroolee wajjiin bishaan warabnerraa
Malee Calii Shonee yoom dirreen abbakee qabana dhaberee
Bara bellii dhufee, Maccaan nyaata dhabee
Si’ii kan obaasee bishaan itti qabee
Si’ii kan nyaachisee caba itti qallabee
Martii mukooliin kee battonni firii dha
Ho’uu fudhadha jedhuu na nyaadha na nyaadha
Laftikee garramiin hunda biqilichituu
Isaa ishee qotuus isaa isheef qotuus lakkii hi’ii hin jettuu
Ayii yaa Caalii Shoonee
Ta’aa nyaadha beekta kanatti sii beknaa
Ta’aa dhugaa bektaa Kanaan si iyyaafannaa
Bishaan sikadhannan annaan nu kennitee
Midhaan sii kadhannan sangaa nu jigsitee
Malee Caalii Shoonee rakkoon sitti hammatee yoom gad sicibstee
Maal yaa Caalii Shoonee ilmaan kee ni beekna gaggarii turanii
Kan aadaa ulfessaan kan safuun bulanii
Kan qe’ee kee egaan, sa’oota kee tiksaani
Bunakee funanaan, Ogiyoo kee coraan
Kan siif abbomamaan gaggaaronni sunii
Sirba aadaa jaraa buruuree sirbanii
Waseekoo yaa Waasanekoo, lubekoo ya lubabaa
Sholee walalaa dammaa komee wal araarfannaa ni jedhuu turanii,
Malee Caalii Shoonee yoom badanii sii irranfatanii
Ayyaana abba keetii gufuutti hirkisanii
Ilmaan atii dhalchitee, jiran darbe darbee
kan maqaakee olkasaan akka gaara Sambee
Garuu bayyeen jaraa kunoo rafaa jiruu barii jara kessaa
Ofitti farrisaa farraa nuttii fiduu
Ayyaana kee tufaa ajajaa kee diduu
Bayyeen dhumaa jiruu handaqii hiyyuummaf doofumma hammatanii
Jireenya hin moruu haramaa jedhanii
Bayyeen jara jiruu qe’ee ati barechitee kosii itti gatuu
Obdii dirree sirbaa harree itti hidhatuu
Lafa boqotakee bakkee itti ba’uu
Dirree araarakee lolaaf itti wal ga’uu
Maal yaa Caalii Shoonee maluma sii gonee?
Ka’ii hirribaa ka’ii ammas na dhagayii
Ilmaan kee jajjaboon kan qerransaan lolaan
Har’a essaa jiruu har’aa essaa galaan
Qufaa dhukkubatiin utaallon dhumanii
Hawwii funyoo foonii fo’uu dadhabanii
Lugama jirenya qabuu dagatanii
Gangee ijaa jamaa barii gulufanii
Haa yaa Caalii Shoonee mee ka’ii nuttii himii
Seenaa bara ketii seenaa sirba durbaa
Seenaa dhungoo Sanaa bara nadheen durbaa
Bara dhirrii yaduu, bara ga’iila dhugaa

Baala sokokkee, baala sokokkee
Essaa dhaqxaa soddee naafa gotottee
Cabii akka ……ha yaa Caalii Shoonee maluma sii gonee
Eebbati faccaftee ofittummatu haame hiyyuumatu sassabee
Callee ati nu dirtee dooffummatuu facaase
of dhibuutu harrabee
Maaloo Caalii Shonee, ka’i ka’ii hirribaa, ka’ii nuuf kadhadhuu
Barrii hirribaa kun akka bokkaa leeqaa shaa jedhee haa caamuu
Akka bishaan gabbaa saffisaan ha deemuu
Jedhii nuu ebbisii akka gubbee Qundii callaqqisaa jedhii
Akka gaara Sambee mumulladha jedhii
Burtukaana Nophaa walittii haa tanuu,
Akka bishaan gitaa walitti haa yaanuu
Akka hambabessaa ol ol haa guddannuu
Akka gondaa Qarsaa waliif haa tumsinuu
Akka fattee caffee wal duukaa haa iyyinuu
Jedhii nu ebbisii
Mee yaa Caalii Shoonee araara nu kennii yoo waa siyakkinee
Ijaa asheetaa tanee gubachaa xaaxofna,
Urunguu fakkane halkaaniin gungumnaa
Maloo adaara abba booraa lafee fattaansatin sii qabee yaa Caalii
Mee mala nu malii
Goreen sii dhagenyaan, Mattuun sii dhageenyaan
Bachoon sii dhagenyaan, Hurrumuun sii beeknaan
Beddellen sii beknaan, Daarimuun sii beknaan
Cooraan sii dhagenyaan, Diiduun sii kabajnaan
Algeen sii kabajnaan kana ittin na ga’ii
Ilmaan abba Boraan akkas ittin jedhii
Ogummaan jiraadha doofummaan qaanii dha
Beekumsa hordofaa of baruun garii dha
Hojiin cubbuu mitii jinnin waliin qabuu
Namnii hojjiin wal qabuu jireenya hin dadhabuu
Akka Osoolee qarsaa obsaan wal uruursaa
Akka akkoof akakaa jalalaan wal gorsaa
Dhaga’uu ni dhageessu hin hubanne malee
Hubachuu ni hubattuu hin jiranne malee
Jiraachu ni jiraattu boor hin yaadne malee
Boor yoo amma ka’ee gaffii nu gafatee
Kan deebisu jira kalessa yaadatee
Otuu itti hin qanayiin kann darbee iyyaafatee
Jedhii na gafadhuu yoo ilma Iluu tatee
Yaa caalii Shoonee koo hirribaan jinoofte
Raftee na dhagessee egaa hin irraanfatiin
Iluutti naa dhamii wantaan sitti odeesse
Muu yaa Caalii Shoonoo maaluma sii goonee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *