Godina Harargee Lixaa Magaalota Garagaraa Keeysatti Waraanni Mootummaa Hawaasa Doorsisaa Jiruu Jedhamaa
Godina Harargee lixaa magaalota garagaraa keeysatti waraanni mootummaa sababa adda addaatiin hawaasa nageyaa doorsisuufi ijoollee teeysan waraanummaa erguu qabdan jechuun dargaggoota baqachiisuun itti fufee jiraachuu gabaasni nu dhaqqabe ifa godha.
Akka gabaasni nu dhaqqabe kun ifoomsutti godina Harargee lixaa magaalaa Cirroo keeysatti qaamman nageenya mootummaa gidiraa hamaa hawasarraan ga’aa jiraachuu mirkaneesse.
Haaluma kanaan magaala Ciroo keessatti hoggansi magaalichaafi shira xaxxoonni mootummaa abbaa irree qaamman nageenyaatiin of deeggaruun gandarra daddeemanii manatti qarshii 250 gargaarsa Raayyaa ittisa biyyaatiif kafaluu qabdan jechuun nageenya hawaasa booreessaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Kana malees qaamni dabaafi shiraan utubamee dantaa aangoo ofii dheereeffachuuf lubbuu ilmaan oromoo akka qumaaraatti itti taphachaa jiru kun yeroo manneen hawaasaarra daddeemanitti namoonni danda’ee qarshii 250 hin kafalle ijoolle Raayyaa ittisa biyyaatiif gumaachuu qabdan jechuun maatii dargaggootaa rakkisaa jiraachuun gabaafame.
Akka maddi keenya kun eeruu nuuf laatetti rakkoon akkanaa kun keessattu ganda Madhichoofi ganda Elelleetti akkaan hammaachaa akka jiru ragaa bahee jira.
Itti fufuuniis akka qeerroon tokko karaa toora bilbilaatiin STM iif himetti namni gidiraa hamaa kana ummata nageyaarraan gahaa jiru abbaa araddaa Hassan Yuusuf nama ja’amuufi namni kun sirna wayyaanee keessaas qeerroowwaniifi sabboontota hedduu dabarsee diinaaf kennuun galaafachaa turuu dubbate.