Seenaa Uummata Oromoo Iluu Abbaa Boor Kutaa 2ffaa!
Siidaan Firrisaa Abbaa Waggaa
Baddallee, Iluu Abbaaboor.
Seenaa gabaabaa Firrisaa Abbaa Moggaa bifa armaan gadiitin nuuf ergamee dubbisaa waliif qoodaa seenaa hubadhaa
Siidaan Firrisaa Abbaa Waggaa kun kan goota Oromoo Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu yemmuu ta’u isaanis Abbaa isaanii Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa fi haadha isaanii Aadde Warqituu Abbaa Booraa Abbaa Duulaa irraa Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddellee ganda qonnaan bulaa Digajaa keessatti naannoo bara 1876 A.L.H tti dhalatan.
Buunnoo Beddellee gita bittaa isaa jalatti kuffifachuuf sirni nafxanyaa Minilikiin hogganamu yaalii guddaa taasisee ture. Keessumaa immoo Minilik mucaa akakayyu isaa Iyyaasuu jedhamu gara Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa (Abbaa Fit. Firrisaa) tti erguun Iyyaasuu fi Firrisaan waliin adamoo adeemuun hariiro gaarii umuuf yaalani turan.
Bara 1906 Minilik xalayaa baresse abba diinni biyya keenya weerarteti waan taheef marii waliin qabna gara finfinne kottaa jedheen. Bara 1906 tti waamicha gootota Oromoof godhameen Buunnoo irraa Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa, Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu fi Qanyazmaach Waayyeessaa Gootaa Finfinneetti waamaman.
Garuu dubbin Minilik shira ture. Jarris achumatti hidhaman. Turtii muraasa boodas Fitawuraarii Shuuramuu Gootaa mana hidhaa keessatti dhukkuba Golfaan qabamanii achumatti waan boqotaniif Finfinneetti awwalaman.
Ijoo Seena
Du’aan boqochuu abbaa isaatiin gaddi guddaan kan itti dhaga’ame Fit/ Firrisaa Finfinnee irraa badanii gara biyyaatti yeroo deebi’anu qabsoo gita bittaa nafxanyaarratti cimsuu fi biyyi isaanii nafxanyaan akka hin qabamneef kakaasuuf ture. Kanaanis milka’anii turan. Keessumaa immoo Lafti Oromoo qircamee bulchiinsa isaatiin akka geggeeffamuuf Hayilesillaaseen namticha Axinaaf Saggad jedhamu bara 1926tti muudee Buunnoo akka bulchuuf yeroo ergu, Fit/ Firrisaan dhaga’ee waraana isaa qabachuun laga Dhidheessarratti waraana itti bane Axinaaf Saggadiin buunnorra deebise.
Axinaaf Saggad waggaa 2ffaa isaatti deebi’ee yeroo dhufu garee waraanaa baayifatee dhufuun lafa Dhidheessaa erga qabatee booda oromoo Buunnoo jiranitti kottaa na simadhaa jedhee ergaa erge.
Toofta fayadamuun Oromoo gartuu lamatti qooduun Buunnoo kan gale Axinaaf Saggad yeroo inni dhufus Baraanbaraas Raagoo Jiilchaa garee isaa qabatee yeroo dhaqqee simatu Fitawuraarii Firrisaa Shuuramuu (Abbaa Waggaa) garuu didee hafe.
Kana boodas Axinaaf Saggad haala Fit/ Firrisaa Shuuramuu fi duuka buutota isaa Buunnoo sodachuun akka jaarsummaan araaramutti fakkeessee Fit/ Firrisaa miidhuuf karoorfate. Kiyyoo isaa kan diriirseef Baraanbaras Raagoo Jiilchaa yoo ta’u innis lamaan keessan walittiin isin araarsa jechuun jaarsummaa dhugaa hin qabneef socho’uu eegale.
Fit/Firrisaa araara jaarsummaa kana fudhatus shakkii waan qabuuf yoon bakka araaraa kanatti ajjeeffameef gumaa koo akka itti naaf baastaniif Bar. Raagoo Jiilchaa naaf qabaati Mangashaa Wayyeessaatti naaf kennaa jechuu isaatiin Fulbaana 26 bara 1929 Bar. Raagoon qabamanii dhiyaachuun harka Mangashaa Wayyeessaatti dabarfamanii kennaman.
�Fulbaana 29 bara 1929 Fit/ Firrisaa Qany/ Wayyeessaa waraana isaanii, nyaata fi dhugaatii barbaachisu hunda qabachuun bakka araaraa (yeroo ammaa naannoo Bataskaana Madiyanalem Beddellee) yoo gahan Axinaaf Saggad teessoo simannaa bakka sadiitti qooduun shira xaxuun gara galee loltuu Fit/ Firrisaa bira deemuun amma araara raawwannutti meeshaa keessaan bakka biro kaawwadhaa booda fudhattu jechuun harkaa fuusise.
Nyaataa fi dhugaatii dhiyaateen boodas Axinaaf Saggad gara Qany/ Wayyeessaa Gootaa adeemuun Fit. Firrisaa waliin walii galuu waan hin dandeenyeef nan ajjeesaa ati gadi bahi yoo jedhuun Qany. Wayyeessaa garu “lakkii ani isa du’aaf kennee ofiis hin jiraadhu, Buunnoonis natti kolfaa, du’a taanaan walumaan duuna; garuu du’a kana dhiiratu nu ajjeeses hin jedhu jedheen”.
�Waamichi araaraa ajjeechaaf ta’e kanaan Axinaaf Saggad erga Fit/ Firrisaa fi Qany. Wayyeessaa walirratti ajjeeseen booda garee loltuu meeshaan isaanii harkaa fuudhame namoota 22 bakkuma tokkotti daaraa taasise.
Mangashaa Wayyeessaas dhukaasa ajjechaa gootota Oromoo irratti raawwatamaa jiru akkuma hubateen Baraanbaraas raagoo ajjeesuun yeroosuma gumaa isaanii baase. Axnaaf Saggad reeffa Fit. Firrisaa fi Qany. Wayyeessaa lafarra harkisuun OROMOO KANA
ILAALII JIILI
jedhee labse.
Sanaan boodas reeffa isaanii shaakala ilaamaa qawweef akka ta’uuf muka naannoo kuusa boba’aa Oilibiya magaalaa Beddellee keessaa (Naannoo siidaan Firrisaa Abbaa Waggaa) itti argamutti fannisuun nafxanyootni Oromoo Buunnoo ittiin dorsisaa turan.
Walumaa gala hiikti Siidaan Firrisaa Shuuramu ( Firrisaa Abbaa Waggaa) uummata Buunnoof qabu sirna bittaa nafxanyaa diduun uummatni Oromoo diimokraasummaa isaa eeggate ofiin of bulchuu qaba jechuun mormaa kan ture gootummaa Oromoo kan ibsu dha.