Oduu Haraa Mootummaan Jabuutii Walitti Bu’iinsaa Lammiilee Ethiopia Saboota Affaarii Balaaleffate
Oduu
Mootummaan Jabuutii walitti bu’iinsa lammiilee Itoophiyaa saboota Affaarii fi somaalee biyyattii keessa jraatan gidduutti uumame balaaleffate
Dhiheenya kana gabaasaaleen akka mul’isaniitti, walitti bu’iinsa saboota Somaaliifi Affaar biyya Jabuutii keessa jiraatan jidduutti uumame kanaan, namoonni muraasni ajjeefamanii, kaan miidhaaf saaxilamuun dhagaa’ameera.
Walitti bu’iinsa kanaan Lakkoofsi namoota ajjeefamanii beekamuu baatullee kanneen du’an namoota nagaa akka ta’an midiyaan biyyattii himameera.
Walitti bu’insa saboota Affaarii fi Somaalee kanas hordofuun manneen jireenyaa heedduun waan gubateef humnootiin nageenyaa fi poolisiin Riippablika Jabuutii hokkaricha tasgabbeessuuf gaazii imimaaneessuu fayyadamuun lola kana dhaabuuf akka yaalan himameera.
Ministirri Dhimma Biyya Keessoo Jabuutii Nuh Haasaan ibsa Dilbata kaleessaa kennaniin, ”Har’a walitti bu’iinsa cimaa mudateen manneen jireenyaa heedduun gubataniiru, Kun ammoo dhimma mootummaan jibuutii obsee bira hin tarreedha jedhaniiru.
Qondaalli mootummaa Jibuutii kun itti dabaluun, uummanni Jabuutii ofiis tasgabba’anii hokkorichas akka tasgabbeessan waamicha taasisaniiru.
Ministeerri dhimma biyya keessaa Obbo Nuuh dabaluunis ”Ammaan booda mootummaan qaamoolee jeequmsa akkasii kakaasan irratti tarkaanfii barbaachisu ni fudhata,” jechuun akeekkachiisaniiru.
Torban darbe keessa walitti bu’iinsa naannoolee Affaariifi Somaalee Itoophiyaa jidduutti umamee tureen, lubbuun namoota 300 ol badee, bu’uraalee misoomaa irra badiin qaqqabuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kanaan dura , biyyoonni ollaa Itoohiyaa ta’an Sudaan, keeniyaa fi Jibuutiin nageenyi Itoophiyaa yoo hin tasgabboofne biyya isaaniif balaa akka qabu dubbataa turaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa daandiin nageenyaa fi hooggansaa harkaa bade garuu , watwaannaa beektotaa fi hayyootaa, akkasumas yaada biyyoonni qabiinsa mirga namoomaa irratti muuxannoo qaban isaaf dhiheessan diduun hanga guyyaa har’aatti daandii badiirra gulufuun saboonni biyyattii akka wal waraananiif sababa ta’aa jira.
Gama biraatiin torban kana keessa keessa nageenya dhabuu Itoophiyaatiin yaadda’uu ishee ibsachaa kan turte Keeniyaan , dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhimma Itoophiyaa keessa akka seenu gaafatteetti.
Kuufamni humnoota hidhatanii naannolee garee TPLfn haleeluuf nannoo Affaar keessa jiranii , walitti deebi’uun wal haleeluu dabda’u, kun immoo biyyattiif balaa guddaa qaba jechuun hayyoonnii fi beektonni Idil_addunyaa dubbachaa turaniiru.
Haaluma kanaan , mootummaan abbaa hirree Itoophiyaa luugama seeraa hin qabne biyya saboota gurguddoo diiguun , nageenya biyyattii booressee , biyyoonni gaanfa Afrikaas sababa biyyattiin tasgabbii dhabaa jiru.
Akka hayyooni siyaasaaf dinagdee himaa jiranitti , Itoophiyaan ariitiidhaan yoo gara marii biyyoolessaa hin deemne biyyattiin dirree wal waraansa biyyoota dureeyyii haaloo walirraa qabanii ta’uu malti jechuun akeekkachisaa jiru.
Dhiheenya kana mootummaan Itoophiyaa atakkaroo US waliin qabu cimsuuf biyyoota faallaa imaammata US ta’an Raashiyaa, Turkii fi Chaayinaa waliin dudubbachuu baayisuun isaa ni yaadatama