Guddina Addunyaa waliin Deemu;. Guddina Addunyaa waliin Deemu jechuun maal jechuudha?
Guddina addunyaa waliin deemu jechuun haala guddina addunya kanaa kamiinniyyuu hordofuun systema ishee beekuuf hojiiti hiiku jechuudha. egaa addunyaan gara kamiti deema jirti kan jedhuun beekuuniis murteessadha.egaa gara addunyaanitti deemtu erga ilaalees bifa guddina ishee bifatokko tokkon ha ilaalu.addunyaan kalaqa gara garaattiin, jirti kalaqa yoo jennus waan haara argachuu jechuudha.kanara darbuudhaan iyyuu addunyaa haara dachee ishee nut irra jiru kanarra darbite sadarkaa naasa irra jiraachuu filataa jirti. maarsi,juupiteeri, kanneen akkasii irra jiraachuuf system ittin jiraatu haala jireenyaafi mijatu baay’ee kalaqaa jirti. konkoolataa, maneen jireenyaa,bu’uuraalee jireenyaajireenya dhala namaatiif murteessan qopheessa jirti.
Akkasumas new application jireenyaa jijjiirama fidan baay’eesi kalaaqa jirti globazationbaay’ee safiisaan gudaata jira.guddina addunyaa yeroo jenu ardii hundaa kan ofkeessaatti qabatuudha. Addunyaa AFIIRIIKAA KAN HAMMATU JEECHUUDHA.kana jechuun biyya keenyaa of keessatti kan qabatee fi kan hammatu jechuudha.guddina Addunyaa keessaa galuun hojjetaaniis,baraataniis systm addunyaa kana keessa galanii jijiiraama jiru hundaa hirmaachuuf guddina biyya hundaa gama kamiiniyyuu qoodachuu jechuudha.guddina Addunyaa guddatte fiilmii ta’aanii ilaaluuf addunyaan sadarkaa kana irra jirti jedhaanii odeessuu jechuu miti.akka Addunyaan guddatte kanaa system guddinaa keessa galuudha malee.
QABEENYAAN GUDDACHUU,BEEKUMSAAN GUDDACHUU,KALAQA waan haaran guddachuu ,ilaalchaan guddachuu jechuudha.jaalalaa biyya OFIIF QABANIIN GUDDACHUU NI HAMMATA.biyyootni gaafa afiirikaatti argamaan garuu yeroo baay’ee warra jijjiraman kanarra faggaateefi lola irratti xiyyeeffaattaaniifi sadarkaa hiyyuumaa gad-anaa irratti warra argamaniif yaada dadhabaadhaan socha’aaniidha.dhalootni kun akkamitti gara guddina addunyaa waliin deema kan jedhuufi illee namni xiinxalu yaraadha.hiyyumaa keessaa bahuuf garuu carraaqiin dhaloota murteessaadha.kunis kan ta’uu danda’u gama guddina jedhamee yaadamu kamiyyuu hordofuufi beekuun milkaahuu jechuudha.
Kaanaafuu;.dhalootni yeroo amma jiru kun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf teenyee Addunyaan guddina irra jirtu ilaallee guddina biyyoota biroo ilaaluu irra damaquu qabnaan dhaamsa kooti.kunoo oollaan keenyaa kaleessa sadarkaa guddinaattiin sadarkaa tokko irra jirru baay’een isaanii darbanii sokanii jiru.biyyi keenya garu dhaabbattee ilaala jirti malee barattee guddataa jiraanchuun ishee muraasa. dhalootniis jijjiiramee guddina keessa galuurra ta’ee kan walii isaatti kolfu duwwaatu guutee jira.kanaafu humna hojjetu, biyya ijaaru bay’ee qabna.biyya keenya qofa osoo hin taane Addunya kana jijjiirree gara fuulduraatti deemsiissuuf iyyuu humna jabaa qabna kanaafiiyyuu haa kaanu bakka rafnee jirruu hirriba hiyyummaa keessaas haa damaqnuun dhaamsa kooti waan na hordoftaaniifisi galattooma jechaa barumsa gama kanaan isiiniif qoodamuufi yoomiyyu qophii ta’a!