Qaamoleen wal-waraanan hatattamaan dhukaasa dhaabanii mariitti seenuu qabu’ Jette American

Qaamoleen wal-waraanan hatattamaan dhukaasa dhaabanii mariitti seenuu qabu’

Qaamoleen waraana Kaaba Itoophiyaa keessaa harka qaban haal-duree tokko malee, hatattamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahu qabu jette Ameerikaan.

Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Ameerikaa Need Piraayis, qaamoleen wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabanii marii siyaasaa hunda hirmaachisetti seenuu qabu jechuun Tiwiitarii isaanii gubbaatti barreessan.

“Ololli waraana hammeessuu gama lamaaniinuu deemaa jiru faallaa kanaati,” jedhan.

Kana kan jedhan TPLF haal-dureewwan amma dura dhukaasa dhaabuuf tarreessee ture fooyyesse jechuun ibsa baase hordofeeti.

Ibsi TPLF Kamisa baase mootummaan ceehumsaa akka bu’uureffamu fi mariin siyaasaa qaamolee siyaasaa ijoo biyyattii keessa jiran hammate akka jalqabamu gaafata.

Tajaajilli bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaaa, baankii fi telekomii akka bakkatti deebi’an, baajatni A.L.I bara 2013 fi 2014 ‘hatattamaan’ akka gadhiifamuufis gaafata.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ammallee labsii dhukaasa dhaabuu torbanoota dura labse akka hin diigin hima.

Dubbi himtuun waajjira MM Itoophiyaa Billanee Siyyuum, raayyaan ittisa biyyaa haleellaa TPLF daangaa cehuun naannoo Affaar fi Amaaraa keessatti raawwatu qolachaa jira malee ofiin haleellaa raawwachaa hin jiru jechuun Roobii darbe miidiyaatti himan.

Aanga’aan Ameerikaa maal jedhan?
“Garaagarummaa qaamoleen Itoophiyaa keessatti wal waraanaa jiran qaban kan furu marii malee, humna waraanaa miti,” jedhan Aab Need Piraayis.

Qaamoleen wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabanii haal-duree tokko malee gara mariitti seenuu qabu haa jedhan malee, qaamolee waraanatti jiran marti deeggarsa namoomaaf danqaa tokko malee karra akka banan gaafataniiru.

Itti dabaluunis tajaajilawwan akka elektiriisitii, telekomunikeeshinii fi baankii Tigraay irraa adda citan deebifamuu qabu jedhan.

Qabxileen kunneen haal-duree TPLF tarreesse keessattillee eeramanii jiru.

Amma duras TPLF dhukaasa dhaabuuf haal-dureewwan tarreessuu isaa hordofee Ameerikaan qabxiilee haal-duree TPLF keessatti eeramaniin wal-fakkaatu akka raawwataman gaafattee turte.

Kun loltoonni Eertiraa fi humnoonni Amaaraa Tigraay keessa akka bahan kan jedhu dabalata.

Waa’ee deeggarsa namoomaa
Ameerikaan irra deebiin deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee Tigraay akka dhaqqabu gaafatteetti.

Hoggantuun dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) Samaantaa Pawor deeggarsi gahaan naannoo Tigraay akka dhaqqabu dhiibbaa uumuuf torbee dhuftu gara Itoophiyaa akka imaltu dhaabbatichi beeksiseera.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) akka jedhutti kuusaan nyaataa dhaabbatichi Tigraay keessaa qabu Jimaata har’aa dhumata.

Hogganaan dhaabbatichaa Deeviid Biizlee konkolaattonni deeggarsa nyaataa fe’an 170 ta’an naannoo Affaar keessatti ugguramanii socho’uu akka hin dandeenye himanii turan.

Bakka bu’aa Olaanaan Gamtaa Awurooppaa Jooseep Boorel ergaa gama tiwiitarii isaaniin dabarsaniin ammoo, konkolaattonni deeggarsa nyaataa gara Tigraay geessan beekaa ykn ta’e jedhamee ugguramani jedhan.

“Nyaata dhorkuun akka meeshaa waraanaatti dhimmi itti bahamaa hin jiru jechuun rakkisaadha. Deeggarsaaf karra banuun dirqama mootummaati,” jedhan.

Ministirri deetaa ministeeraa haajaa alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Reeduwaan Huseen deebii qondaala kana maqaa dhahuun tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin, ‘mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabee baheera’ jedhan.

“Garaarraa dhimmamuun haa hafuuti, namni uummata keenya naannoo Tigraay rakkoo keessa baasuuf fedhii xiqqoo qabu, tarkaanfii kanaaf beekamtii kennuu hin dhiisu,” jedhan.

Itti dabaluunis, “isa miidhame qeequu fi isa yakkamaa ykn kan miidhaa geessisaa jiru leellisuu dhaabaa,” jechuun rakkoo uumaa kan jiru mootummaa osoo hin taane TPLF ta’uu akeekan.

Mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee Tigraay keessaa erga bahee booda naannicha harka caalu kan to’ate TPLF, daangaa cehuun naannolee Affaar fi Amaaraa keessatti lolaa jira.

Mootummoonni naannolee Affaar fi Amaaraa uummata kakaasuun akkasumas tumsa raayyaa ittisaa fi humnoota addaa naannolee kaan irraa birmatanii dhaqan waliin ofirraa ittisaa akka jiraniifi injifannoos gonfachaa akka jiran himu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *