Walaloo Haadha kutaa 3ffaafi Isaa Dhumaa
Walaloo Haadha kutaa 3ffaafi Isaa Dhumaa
Akka yaada keeti an ta’uu dhabullee takka siif qajeelee takka siif dabullee haadha tiyyaa jechuu hin dhiisu ilmikee hamaakee danda’ee hin ciisu jirmikee si yaada siif yaada hanga dhumaatitti argaakee araada akka bunaatitti.
Badus akka badeen hin badu badaankee akkuma madaa’ee hin yaadin adaraa na duraa yaaddoftee na hin balleessin garaa.
Yaa haadha hunaaf laattuu jaalalaa hin guune rabbiin nu jidduudhaa nagaya hin guusin Sirraa na haa sitti na hin buusin
Jiruu fi jireenyakee rabbiin haa naa ibsu nagaa fi fayyaakee rabbiin haa naa tiksu umrii dheertu fi fayyaa aayyoo tiyyaa fedha mootii dachii fi samii amaanaa siin jedha.
Waan Nu hordoftaniif Galatoomaa! Walaloo haadha kutaa 3ffaa Fi Isaa Dhumaa barumsaa guddaa akka irraa baratan Abdiin qabaa yeroo biraa barumsaa bira qabanee dhufnaa Nu Ega