godinaa Harargee Bahaa Bulchinsa Magaalaa Aawwadaay Fi Naanawa Isii Keeysatti Suqii Cufsiissaa,jirachuun Dhagahame.
Godina Harargee Bahaa bulchinsa magaalaa Aawwadaayfi naanawa isii keeysatti hoggansi magaalaafi qaamman nageenyaa sababa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaatiif gumaachuu qabdan jahuun manneen dalagaa cufsiisaa jiraachuun dhagahame.
Magaalaa Aawwadaay keeysatti qaamman nageenya raayyaan ittisa biyyaa eeggumsa keeysaniif lolu jira kanaaf isiniis gargaarsa taasisuufi qabdan jechuun manneen dalagaa magaalicha keeysatti argaman kanneen akka Suuqii fi mana jimaarra daddeemuun kanneen gargaarsa hin kafalin irratti cufas akka jiran maddi keenya garasii nuuf gabaase.
Kana malees bulchinsatti tibbana dargaggoota waldeyaan walitti guraamuun jireenya mataasaanii guyya guyyaan gaggeeyfachaa maatii isaanii jiraachisaa turan kanneen lakkoofsaan torba tahan osoo isaan quba hin qabne waldeya keeysaa galmeeysuun manneen jireenyaa dabalatee maalqa guddaa isiniif kennina jahanii gara dirree waraanaatti oofuuf dirqisiisaa jiraachuu maddi keenya dabalataan ifoomsee jira.
Kana malees qaalainsi jireenyaa kan duraanii caalaa dabalee jira kan jahu jiraataan magaalaa Aawwadaay ammaaf maqaafi sagaleen isaa akka dhageyamtu hin barbaanne tokko yeroo ammaa magaakaa Aawwadaayirraa eegalee guutuu biyyaa keessatti hawaasni kanaan rakkachaa akka jiru ragaa baha.
Magaala Aawwadaayitti kanaan dura wantoonni gatiin isaani gad buhaa tahan keessa wantoonni akka paastaa fi soogiddaa dabalatee meeshaaleen biroo haalaan ol dabalee jiraachuutu himama.
Akka jiraataan kun himutti paastaan kanaan dura guutuun isaa qarshii 300 ture yeroo gabaabduu keeysatti qarshii dhibba 700 kan seenee meeshaaleen biroos hedduun akkasumatti qaalawee jiraachuu hima.
Haaluma walfakkaatuun godinuma harargee bahaa keeysatti tan argamttu magaalaa Kombolchaa keeysattiis dirqamaan waranummaa deemtan jechuun dargaggoota gidirsuun kan duraanii caalaa itti fufee jiraachuun dhagahame.
Magaalaa kombolchaa keeysatti qaamman nageenya keessaa humni addaa Oromiyaa iddoo ijoolleen dargaggoota walitti qabamuun itti wal arganitti manarra deemuun gaaffi tokko osoo hin gaafannetti fuudhanii gara dirree lolaatti geessaa jiraachuun ifoome.
Kanarraa kan hafe Kombolchatti hawaasaniis raayyaa ittisaatiifi kan dandahu loon,re’ee ykn ammoo maallaqa gumaachuufi qabdan jechuun doorsisa hamaa irraan gahaa akka jiran maddi keenya tokkoo eeruu nuuf laatee jira.