Mootummaan Itoophiya Ummattoota Biyyattii Gidduuti Jibba Facaasuu Itti Fufee Jira.

Mootummaan Itoophiyaa maqaa balaaleffannaa farreen nageenyaa jedhuun uummmattoota biyyattii gidduuti jibba facaasuu itti fufee jira.

Mootumaan Itoophiyaa biyya bulchaa jiru maqoota adda addaa moggaasuun uummattoonni biyyattii ija shakkii fi jibbaan akka wal ilaalan taasisuu itti fufuun, guyyaa har’aas hiriira maqaa raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbanna jedhuun uummata humnaan walitti qabaa oleera.

Saayinsii qoqqoodanii bituu kan hordofu mootummaan itoophiyaa, jechootawwan jibbiinsaa saboota akka sabaatti xureessanii fi uummata kutaa tokkoo firoomfachuun kaan akka diinaatti farrajuu isaa itti fufuun , uummatootni biyya itoophiyaa yeroo ammaa kana ilaalcha jibbiinsaa saboota afaan tigiree dubbataniif akka qabaatan taasisaa jira.

Kanaan dura , afaan mana hidhaa afaan oromoo taasisuun sabni oromoo maqawwan haamilee isaa tuqu farra nageenyaa, shororkeessaa, goseessaa jechuun maqaa sabichaa xureessuun sabootni biyyatti ilaalcha dabaa sabicha ilaaluun akka waan biyya diiguutti fudhatanii saba oromoo ija shakkiin ilaalaa turaniiru.

Erga aangoo qabataee booda jechoota farra namoomaa ta’anii fi sanyii namaa xureessan dubbachuun kan beekamu muummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad maqoota kanneen akka waraabessa guyyaa, baandaa, shiftaa, juuntaa jechuun sabootni ija shakkiin akka wal ilaalan tasiseera.

Yeroo kumaatama Itoophiyaan hin diigamtu jechuun kan dubbatu Abiyyi Ahmad, yeroo biyyattii wal waraansaan goolamtee daangaan biyyattii kaabaa fi lixaan cabee jiruttille , har’as maqaa Itoophiyaan hin diigamtu jedhuun ummata waggaa sadii dura short memory qabu jedheen dirree masqalaa gubbaatti qoraasaa olerraaa .

Imaammata dulloomaa nugusoonni Abisiiniyaa duraan biyya ittiin diigan haaromsuun daboota isaan saboota biyyattii gidduutti dalagan irra deebi’uun diigamuu biyyattii ariifachiisaa jira.Waraana waggoota sadii dura oromiyaa irratti eegaleen kisaaraa keessa kan seene abbaan imaammata dulloomaa Abiyyi Ahmad, erga lammiilee tigraayi irratti labsii sanyii daguuggaa labsee booda immoo jireenyi biyyattii gaaffii keesssa seenuun ijoo miidiyaalee idila addunyaa taasiseera.

Dhukaasa injifatamuu irraa isaan hin baraarre kan labse gareen biyya diigaa jiru bilxiginnaan , daangaan Itiophiyaa karaa kaabaa bishaan marabii fi baadimmee ta’ee otoo jiruu yeroo ammaa kana garuu akka waan waldiyaa fi qobboo ta’eetti waraana naannoleen daangaa amaaraa eegaa jira.

Biyyi hin diigamtu kan jedhan gareen tuuta gaangistaarii mootummaa Abiyyi Ahmad , loltootni isaanii kaaba biyyattii , lixaa fi kibba oromiyaa akkasumas giddu galeessa oromiyaatti akka shaamaatti yeroo baqaa jiranitti , dhaadannoo raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbanna jedhuun uummattoota goolaa jira.

Dheebuu aangoo fi oftuulummaan waamicha paartileen oromiyaa marii biyyoolessaaf taasisaniin ceeppha’aa kan ture mootummaan abbaa hirree , yeroo biyyattiin dhibee koroonaan nyaatamaa jirtutti dubbii 4kilo bade dhokfachuuf marfata masqalaatti uummatoota rakkisaniiru.

Ijoon dubbii , akka Abiyyi Ahmad jedhu Itoophiyaan hin diigamtuu otoo hin taane, carraan Abiyyi maal ta’uu qaba isa jedhuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *