Manni Murtii Waliigalaa Federalaa falmii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Laamrot Kamaal gidduu jirurratti murtee kennuf beellame

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa falmii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Laamrot Kamaal gidduu jirurratti murtee kennuuf har’atti beellamee turus murtee osoo hin laatin hafee jiraachuun ifoomee jirara.

Shakkamtoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa keessaa tokko kan taatee fi Abbaa Alangaatin himatni kan irratti baname Laamrot Kamaal Mana Murtii Olaanaa Federaalaatin bilisaan akka gadhiifamtu murtaa’unsaa ni yaadatama.

Abbaan Alangaa Waliigalaa murtee kana mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan iyyate ta’uu isaatiinis Laamrot Kamaalii fi Abbaan Alangaa wal falmanii turan.

Dhimmicha qabatee kan jiru Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaas har’atti murtee kennuuf beellamee kan ture yemmuu ta’u dhaddacha har’a taa’een garuu galmeen qorannoo poolisii akka dhiyaatu ajajeera.

“Wantootni qulqullaa’uu qaban akka jiran irra geenyerra” kan jedhan abbootiin seeraa murtee sirrii kennuuf galmee qorannoo poolisii ilaalun akka barbaachise dubbataniiru.

Kanaafis galmeen poolisiin dhimma Laamrot Kamaal irratti qorachaa ture dhiyaatee akka qoratamu himaniiru.

Dhumarrattis manni murtichaa galmicha qoratee murtee kennuuf Adoolessa 30, 2013ti beellama qabateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *