Oduu Ammee! Wal Dorgommii Olompiikii Tokyoo Jaappaanitti Adeemsifamaa jirun Atileetiin Keeniyaa Hinjifatee
Ammee!
Wal dorgommii olompiikii Tokyoo Jaappaanitti adeemsifamaa jiruun Atileetiin Keeniyaa Feet Kipyeegoon wal dorgommii fiigicha meetira 1,500n injifatte jirti.
Dorgommii kana ni Injifatti jedhamtee kan eegamaa turte atleetiin Oromoo biyya Nizerlaandiin bakka bu’uun hirmaatte Siifan Haasan 3ffaa qabattee xumurte.
Itoophiyaa bakka buutee kan hirmaatte Fireweeynii Gabraigzaabeer dorgommii kanaan 4ffaa qabachuun oggaa xumurtu,
Lammiin Keeniyaa Feet Kipyeegoon kan Olompiika Riyoo warqii injifattee, dorgommii kanaanis Rikoordii dorgommii Olompiikii haaraa galmeessuun injifatte jirti.
Guyyoota dura dorgommii Olompiika Tookiyoo meetira 5,000’n kan injifatte atileet Sifaan Haasan meedaaliyaa warqee 2ffaa argatti jedhamtee eegamaa ture.