Sudaan Deeggarsa Hawwaasa Idil Adunyaa Waliin Motumma Ethiopia Fi Tplf Araara Buusuuf Jedhamee
Sudaan deeggarsa hawwaasa idil- adunyaa waliin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araara buusuuf hojii eegaluuf jakka jirtuu gabaafame.
Miidiyaan Sudaan Sudan Tribune akka gabaasetti, MM Abdallaa Hmadook, mootummaa Itoophiyaa fi gaggeesitoota TPLF walitti fiduun karaa nagaa akka mari’atanii fi deeggarsi namoomaa lammiilee nagaa akka dhaqqabu gochuuf qaamolee lamaan waliin qunnamtii jalqabaniiru.
Kun daawwannaa Hoggantuun Dhaabbata gargaarsa Ameerikaa- USAID, Samantaa Paawor Sudaanii fi Itoophiyaatti taasisan booda kan dhagahamedha.
Akkasumas Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa, Antoonii Bilinkeen, dhimma waraana naannoo Tigiraay irratti MM Sudaan Abdallaa Hamdook waliin mari’ataniiru.
Hamdook kakka’umsa araara buusuuf jalqabe kana hoggantoota IGAD, Eertiraa fi biyyoota Lixaa michoota isaanii tahan Ameerikaa fi Faransaayittis himuu gabaase.
”Sudaan waraana ji’a sagal lakkoofsisee fi naannoo daangaa Amaaraa fi Tigiraayitti ammaan kanas deemaa jiruun yaaddofteetti” jechuun, baqattoonni Itoophiyaa ammallee waraanicha baqachuun gara Sudaanitti galaa akka jiran himama.
Kanaaf Sudaan mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araarri akka bu’u gochuuf hojii eegaluuf jirti jechuu Sudan Tribune kan gabaase.
Gama mootummaa Itoophiyaatiin garuu TPLF garee ”hsororkeessaa” jedheen waliin marii ta’uuf akka hinbarbaannee qondaalli motummaa Zaadiig Abarahaa dhiyeenya turtii BBC waliin taasisaniin himun ni yaadatama.
TPLF humnootiin erga mootummaan dhukaasa dhaabuu gar-tokkeen labsuun naannicha keessaa bahuu beeksiiseen booda daangalee naanncihaa najalaa fudhataman jedhan deebbifachuu fi ulaa gargaarsi namoomaa ittiin galu cabsuuf naannoolee ollaa keessatti babal’ifachuunsaanii gabaafameera.
Waraanichi dhiyeenya naannoolee Amaaraa fi Affaar keessaatti ta’aa jiruun walqabatees yoo xiqqaate namoonni 200,000 qe’ee isaanii irraa buqqa’u maddeen motummaa himan.
Qondaalonni Kaartuum walitti bu’insi kun bakkeewwan sabaa fi sablammoonni keessa jiraatanii fi rakkoon nageenya jiru.