Hogganaan Dhimmoota Namoomaa Fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa Maartii Giriifitis dawwanna Ethiopia Tasisaan

Motummoota Gamtoomaniitti Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaan Deeggarsa Yeroo Balaa, Maartiin Giriifiitis daawwannaa guyyoota jahaaf Itoophiyaatti tasisaan xumuruun waantota taajjaban irratti har’a dhaabbanni isaanii UN ibsa baasee jira.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hoogganaan waajjira mirgoota namoomaa fi qindeessaan gargaarsa yeroo ariifachiisaa maartiin Giriifiitis , daawwannaa isaanii goyyoota jahaaf Itoophiyaatti taasisan xumuruu isaaniin wal qabatee waajjirri isaanii UN waantota qondaalli isaa yeroo biyyattii daawwatetti taajjabee fi hojiiwwan yeroo daawwannaa isaa hojjataman ilaalchisuun ibsa baasee jira.

Qondaalli UN kun yeroo daawwannaa guyyoota jahaaf Itoophiyaatti taasisaniin , qondaaltota mootummaa Itoophiyaa sadarkaa olaanoo fi hoggantoota naannolee waliin marii taasisuu isaanii ibsi UN kun ni ifoomsa.

UN ttii qindeessaa gargaarsa yeroo ariifachiisaa ta’uun, erga muudamanii booda daawwannaa yeroo jalqabaaf gara Itoophiyaa kan deeman maartin Giriifiitis , muummicha ministeeraa Itoophiyaa Abiyyi Ahmadii waliin akkaataa gargaarsi namoomaa namoota deggarsi isaan barbaachisu itti qaqqabuu danda’u irratti kan mariisiisan oggaa ta’u dabalataanis itti aanaa muummicha ministeeraa fi hoogganaa aajaa alaa  obba Dammaqaa mokonnon,  hooggantoota Tokkummaa Afrikaa, dhaabbata mirgoota namoomaa ,  dhaabilee gargaarsa namoomaa fi hawwaasummaa , hooggantuu waajjira ministeeraa nagaa Aadde Mufaariyaat Kaamil fi hooggantoota mootuummaa naannoo Amaaraa waliiniis haasawa taasisuu isniitu himame.

Haaluma kanaan qondaalli UN kun, gara naannoo Tigraayi imaluun namoota rakkinoota garagaraaf saaxilaman , kanneen manaaf ala isaanii dhiisanii waraana  baqatanii dawoo keessa jiran, kanneen qabeenyi isaanii hunduu jalaa manca’ee waliin dubbatanii gocha onnee namaa tuquudha jedhanii badii namoota magaalaa Haawuzeen keessa jiraatan irratti dalagame  fakkeenya fudhachuun  hammeenya lammiilee Tigraayi irratti mootummaa Itoophiyaa fi garee isaaf tumsaniin raawwatame  ibsaniiru.

Maartiin Giriifiit , yeroo daawwannaa isaanii Tigraay kanaan, viidiyoowwan suukanneessoo sabichatti oggaa badiin raawwatu agarsiusu, tooftawwwan qabeenyi namootaa fi buufataaleen misoomaa hoospitaalonni , sararri bishaanii kanneen biroo barbadeeffaman mullisan daawwachuu isaanii ibsaniiru.

Dhaabbileen deggarsa namoomaa naannichatti haleellaan loltoota mootummaa itoophiyaatiin  , saamichi meeshaalee immoo loltoota Ertiriyaa fi naannoo Amaaraatiin raawatamuu ibsaa turaniiru.

Magaalaa maqalee fi Firewayiniitti gocha farra namoomaa ta’eera jedhamee amanuun nama eakkisu dhaawwadheera kan jedhan qondaalli UN  kun, dubartoota torbanootaaf walitti aansuun humnoota waraanaa Itoophiyaa fi kanneen biroon gudeedaman waliin wal arguun haasofisaanii , haata’u malee lammiileen kunneen gargaarsa namoomaa guutuu isaan barbaachisa kana gochuuf immoo meeshaalee fi qorichoonni hoopspitaalotaaf kennamuu qaba jedhaniiru.

Maartiin Giriifit , naannichatti taajajiloonni namoomaa kanneen akka ibsaa, baankii, boba’aa , miidiyaaleen naannicha keessaa dhabamuun immoo rakkinicha gammeessaa jira, lammiileen miliyoonni 5.2 gargrasa barbaadu , isaan keessaa 400,000 balaa beelaa hamaaf saaxilamaniiruu kanaafuu hojiin lubbuu baraaruu hojjatamuu qaba jedhaniiru.

Giriifiit , itti dabaluun walitti bu’insi biyyattii keessatti babal’achaa jiraachuu himuun , wal waraansi kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayi ture yeroo ammaa gara naannolee Amaaraa fi Affaar seenuu isaatiin deggarsi namoomaa heedduun barbaachiseeraa, kanaafuu walitti buinsi akka dhaabbatu barbaanna jechuun akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *