Waranni bilisumma Oromoo zoonii Lixaa cibra Iluu Abbaa boor Ona darimuu loltoota mootumma irratti tarkanfi fudhate.

Waraanni bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa cibra Iluu Abbaa boor Ona daarimuu loltoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhate.

Waraanni bilisummaa oromoo WBOn loltoota diinaa irratti tarkaanfii fudhateen milishootaa fi poolisoota humna addaa naannoo quubsuma waraana bilisummaa oromoo sakatta’uuf deemte irratti tarkaanfii fudhateen poolisoota humna addaa 7 fi milishoota gandaa 2 oggaa du’aan adabu , milishoota sadii booji’uun meeshaalee isaanii harkaa fuudhee akeekachiisaa fi  gorsaan gara manaatti isaan deebiseera.

Loltootni mootummaa Itoophiyaa , maqaa sakattanisa shanee jedhuu aanaa daarimuu gandoota beenaa bareedaa jedhaman shan keessa soso’uun dargaggoota goolaa jiraachuunis himameera.

Waraanni bilisummaa ona daarimuu keessa soso’u , jiraattota gandoota akka Gobbee, goboraa, uuchee , cooraa dambii , Timjii, daadee fi gandoota beenaa shanan mari’achiisuun dargaggoonni dhimma isaan hin ilaallanneef jecha gara daangaa  tigraayi deemanii ristii namaa deebisuuf wareegamuu mannaa gara obbolaa isanaii wbo ‘tti akka dabalamaniif maatii fi dargaggoota gandoolee kanneeniif waamicha dhiheesseera.

Kanaafis yeroo ammaa mootummaan Itoophiyaa maqaa biyya haa baraarru jedhuun gandootni aanichaa dirqamaan dargaggoota 30 waraanaaf akka ergan dirqamni isaanitti kennamus dargaggoonni
heedduun bosona keessa dhokachuun kanneen maqaan isaanii akka waraana mootummaa deemaniif kenname immoo baqachuun  gara waraana bilisummaa Oromoo wbo_tti makaamaa Jiraachuun hubatameera.

Haleelamuu poolidoota humna addaa fi milishoota dhiheenya leenjia’aniin heedduu kan rifatan hooggantoonni aanaa daarimuu poolisoota iddilee fi humna addaa fayyadamuun gara ona beenaatti duulaa jiraachuu maddi keenya achirraa  argame nuuf eereeraa! .
Aanaan daarimuu teessuma lafaan godinaalee waggala lixaa, qellem wallaggaa , wallagga bahaa waliin waan wal daangessuuf  bakka waraanni bilisummaa oromoo waraana mootummaa irratti olaantummaa waraanaa itti fudhateedha.
Gandoota aanichaa heedduu keessatti leenjiin hubannoo laachuu miseensota waraana bilisummaa oromootiin jiraattotaaf kan kennamee jiru oggaa ta’u , gandoota heedduu keessattis  caasaan gandaa diigamee jira.

Gama biraatiin waraanni mootummaa abbootii qabeenyaa aanichaa waraana bilisumaa oromoof nyaata dhiheessaa jirtu , maallaqaa fi meeshaanis deggaraa jirtu jechuun manneen hojii isaanii saamsaa jiraachuu maddi keenya nuuf himeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *