Seenaa ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir. Kutaa 1ffaa

Seenaa ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir.
Kutaa 1ffaa

Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir abbaa isaa Obboo Habtee Doorii Goobaniifi haadhasaa Aaddee Uumee Gurmeessaa Nagawoo irraa bara 1929 A.L.H konyaa Jibaatiifi Maccaa, Aanaa Tokkee Kuttaayee, Magaalaa Gudaritti dhalate.Gosni Maammoo Mazammir Buundhaa Leeqaa yoo ta’u, qacceen dhaloota Maammoo akka armaan gadiitti lakkaa’ama:
Maammoon kan Mazammir,
Mazammir kan Haabteeti,
Haabteen kan Dooriiti,
Dooriin kan Gooban,
Gooban kan Qorxiiti,
Qorxiin kan Saaqooti
Saaqoon kan Reeddeeti,
Reeddeen kan Guusaati,
Guusaan kan Buundhaati,
Buundhaan kan Leeqaati,
Leeqaan kan Daadaati,
Daadni kan kuttaayeeti,
Kuttaayeen kan Liibani
Liiban kan Maccaati.

Sababni balballi ykn hiddi dhaloota Maammoo Mazammir akkanatti tarreeffameef, namoonni tokko tokko Maammoo Mazammir akka gosa Oromoorraa hin dhalanneetti yaada garaa garaa waan kaasaniif ture.

Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, maatii jabaafi eenyummaa ofii beeku keessatti dhalate guddate. Akaakileen Maammoo Mazammir Abbootii Gadaa turani. Maammoon barnoota isaa sadarkaa jalqabaa mana barumsaa Gudaritti, sadarkaa 2ffaa immoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaatti barate.

Barnootasaa sadarkaa olaanaa Mana Barumsaa sadarkaa Olaanaa Tafarii Mokonnin kan magaalaa Finfinnee keessatti argamutti barachaa osoo jiruu, leenjii barsiisummaa dorgomuun kaadhimamaa ta’ee darbee kolleejjii barsiisummaa magaalaa Hararitti barnootasaa eegale. Maammoon nama kennaa addaa qabu waan ta’eef baratee beekumsa gonfachuun cinatti onneesaa laboobaa sanaan ogummaa saayinsii loltummaa barachuuf fedha qaba ture.

Maammoon osoo leenjii barsiisummaa fudhachaa jiruu hawwiisaa qondaala waraanaa ta’uuf qabu dhugoomsuuf akaadaamii leenjii qondaala loltummaa Hararitti leenjii eegale. Firiin inni leenjii kana xummuruun agarsiise, dandeettiifi gahumsi inni qabu daran akka ajaa’ibsiifatamu isa godhe.

Kutaa 2ffaan itti fufa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *