Godina Harargee Lixaa Magaalotafi Aanota Dabalate Dargaggoonni Qaamma Nagenyaatiin Reebamuufi Butamuun Jabaatee
Godina Harargee lixaa magaalotafi aanota dabalatee gandota garagaraa keeysatti dagaggoonni qaamman nagenyaatiin reebamuufi butamee hidhamuun haala kanaan duraa caalaa jabaatee itti fufuu maddeen gabaasan.
Akka maddeen keenya Harargee lixaarraa nuuf gabaasanitti qaamman nageenyaa walakeeysa halkanii manneen jiraattotaarra daddeemuun hulaa namaa cabsanii dargaggoota erga reebicha hamaa irratti raawwataniin booda gara mana hidhaatti geeysaa jiraachuusaanii qulqulleeysu.
Haaluma kanaan godinichatti aanota argaman keeysaa Aanaa Mi’eessoo Magaala Asaboot keessatti halkaan walkkeeysa manneen hawaasaarra daddeemuun waraannii Mootummaa dargaggoota lama Shukrii qaadiifi Baadruu Kookaa(Mohammed) jahaman Manaa isaanii itti seenuudhan badii takka malee akka male tumaani Reebichaa hamma erga irratti gaggeeysan booda fuudhanii gara mana hidhaatti geessanii jiraachuun dhagahame.
Akka gabaasni iddoo kanarraa STM dhaqqabe ifoomsutti dargaggoonni kanneen erga qaamman nageenyaatiin tumaman booda akka malee kan miidhaman yommuu tahu qaamman nageenyaa dargaggoota miidhaman kanneeniif yaala fayyaa kennuufii didanii kan hidhaniifi dargaggoonni kanneen yeroo ammaa haalli fayyaan isaanii haalan kan nama yaachisu tahuu ifa godha.
Itti fufuuniis godinuma harargee Lixaa
Aanaa Mi’eessoo Araddaa Odaa rooba(dibaala) keessatti waraanni motummaa Dargaggoota sadii kanneen maqaan isaani Yuusuf, Dhaqqabaafi Ibroo Jibriil jedhaman sabab miseensa bilisummaa oromooti jahuun manatti itti seenanii qabanii buufata poolisitti hidhanii jiraachuun gabaafame.