Oduu Dhimma Daangaa Somaalee Fi Affaar Gidduutti Umamee Wal Waraansa Isa Olaanaatti Ce’ee Jiraa

Wal dhabdeen dhimma daangaa somaalee fi Affaar gidduutti umamee ture amma gara wal waraansa isa olaanaatti ce’ee jira, Gama biraatiin daandiin Finfinnee jibuutii geessu cufamee jiraachuun dhaga’ame.

Yeroo loltoonni mootummaa federaalaa fi tplf naannoo affaar keessatti wal waraanaa jiranitti dubbiin daangaa saboota lamaanii somaalee fi Affaar akka haaraatti ka’uun madda wal waraansaa ta’eera.

Sababa murtoo boordii filannoo Itoophiyaatiin dhimma daangaa irratti wal waraanuu kan eegalan naannoleen Affaarii fi Somaalee wal dhabdeen isaanii haara’uun guyyoota lamaan darbaniif wal waraanaa kan turan oggaa ta’u , lola kanaanis namootni heedduun qee’ee isaaniirraa buqqaa’aniiru.
Lolli obbolaa lamaanii kun guyyaa har’aa  naannoo Garba ciisee jedhamutti , humna addaa Somaalee fi hidhattoota Affaar Gidduutti lolli meeshaalee gurguddaa hirmaachise geggeeffameera.

Haaluma kanaan magaalaan garba ciisee guutummatti barbadaa’uu maddi keenya nuuf eereera. Magaalaa garba ciisee naannooleen lamaanuu kooti jechuun kan gaafatan oggaa ta’u , lola har’aatiin too’annoo humnoota somaalee jala galteetti.

Gama biraatiin sababa walitti bu’iinsa naannolee Somaalee fi Affaariif daandiin baaburaa fi konkolaataa Jibuutii gara Finfinnee geessu cufameera.

Daandiin kun bakkoota heedduutti kan cufame oggaa ta’u , sibiilli baaburichi irra konkolaatuu fi shiboon madda ibsaa daandii baaburichaaf kennu barbadaa’eera. Dabalataanis daandiin gara Jibuutii geessu bakka Ayishaa Dawwallee jedhamuttis jiraattotaan cufamuun dhaga’ameera.

Daandiin baaburaa fi konkolaataa gara Jibuutii geessu wiirtuu dinagdee biyyattii oggaa ta’u, yeroo dhihoo as xiyyeeffannoo humnoota mootummaa Itoophiyaan wal lolanii ta’eera.

Lola baatii saddeetiif naannoo isaanii keessatti samii fi dachee waliitti bakse naannicha keessaa baasuun naannolee Amaaraa fi Affaar keessa kan taasisan humnootni tplf , istiraateejii waraanaaf akka isaan fayyaduuf daandii gara jibuutii geessu to’achuu xiyyeeffannoo isaanii isa jalqabaa godhataniiru.

Humnootni naannolee mootummaan federaalaa garee tplf’n akka lolanif gara Affaar isaan geesse heedduun naannoo Affaar keessa jiraachuu isaaniitiin , hidhattoonni naannolee kunneen walitti bu’uu danda’u, kanaafis waraana waliiniif carraa heedduu uuma jechuun yaada hogeeyyotaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaan , yeroo waraanni tigraay TDF naannoo Affaar keessatti mootummaa federaalaa lolaa jirutti hidhattoonni naannlee Affaarii fi Somaalee wal waraanuu eegaluun isaanii biyyattiif cittoo irratti fanxoo kan jedhan ta’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *