Oromiyaa Keeysatti haalli Ilmaan Oromoo Duula Nafxanyaa Goduuf Maaltuu Ta’ee

Oromiyaa keeysatti haalli ilmaan Oromoo duula nafxanyaa godhuuf itti hiraarfamaafi qoraan ibiddaa itti godhamaa jiran dubbachuuf kan nama rakkisu ta’uu maddeen gabaasan.

Godina H/Bahaa Anaa Fadis magaalaa Facaatuutti rakkoon waraana nafxanyaa taatu malee humna mootummaan hammachuurraa kan ka’en joolleen mana buluu dadhabdee gaaratti baqataa jiraachuutu himame.

galgalli yeroo geesse gandarraa yaanee gaara bulla jechuun jiraattonni fadis dubbataa jiran.

Waraanni mana manarra deemanii ijoollee waggaa 14-18 gidduu jirtu hunda funaanaa kan jiran yoo hawaasni bal’aan duula fedhii ilmaan nafxanyaa guutuu kanaaf ilmaan isaanii dhaburra Barbaadanii WBOtti makuuf dirqamaa jiraachuuniis dubbatamee jira.

Du’uun yoo hin oollee Oromiyaa keessatti Oromoof qabsawanii du’a seena-qabeessa du’uudha!
Dutii Amaaraa Lafa Ambaa weeraruuf deemtu gargaaruuf du’an du’a Lama. Du’a Kaayyoo malee akka ta’ees beeytonni Oromoo gadi jabeeysanii dubbataa jiran.

Haaluma walfakkaatuun Ilmaan Oromoo leenjii tokko malee waraanatti naqamanii lubbuun hafan yeroo hammeenya duulichaa himan akka ja’anitti
“Guyyaa 15 dura Konkolaataa hedduun gara Dirree Woraana Godina Arsii irraa deemne jechuun yeroo eegalan Leenjii tokkoo malee akkaataa Qawwee itti dhukaasaan qofa nutti mul’isanii dirreetti bobbaane ja’an.

Namoota kumaatamaan deemne keessaa nama 3 qofatu hafe. Isaan keessaa ani nama tokko ka ju’u yeroo dubbatu Essa akka jiru lubbuu koof himuu hin fedhu jechuun Waan si Ajaa’ibu namoonni na Wojjiin deeman kan dhuman humnoota Tigraay bira osoo hin geenye toftaa Woraanaa fi Leenjii gahaa dhabuu irraa kan ka’e Lolli halkan keessa banamaan wolitti dhukaasnee Wol-fixne ja’a

Erga namoonni dhumuu beekne namoonni 3 kuni badnee Godina Shawaa Bahaa keessatti dhokannee kan jirru waan ta’eef Maaloo obbbolleeyyan koo Lola Namni deeme Hundi hin gallee kana irraa akka of-baraaran dhaamsa nuuf dabarsaa jechuun Anaannatee dhaammate!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *