Haadha Eenyutu Jibba Waalaloo Haadha Kutaa 2ffaa Dhiyaadhaa
Haadha Eenyutu jibba Waalaloo haadha Kutaa 2ffaa dhiyaadhaa
Quufa ormaa irra beelakeen Quufneerra shittoo ormaa irra fooliikee suufneerra Harkikee Duwwaan fuula Namaa cimsa Qaamni kee kafana gaaddisa worraati.
Yaa utubaa maatii yaa maandisa biyyaa yaa aayyoo yaa harmee yaa gaaddisa tiyya jiruukee miitee kiyyaa nyaachifteerta garaakee hiitee kiyya nyaachifteerta Qalbiinkee dhama’ee anaaf jecha joore Harkikee boraatiin ammatee na soore.
Hidda Dhiigaa kiyyatti dhiigaakee guuttadheera foon qaama kee irraa qaamatti uffadheera Anaaf daalachoofte natu fixee foonkee yaa lafa siif ta’ee narra deemteen ala maluma siif ta’ee galannikee gala
Haati haadha hin caaltuu ati haadha caalta Anaa guddaa kana daa’imatti laalta Waan hokkolu seeta gufadhee karatti yoomuma garaankee yaada kiyya dhiisa? An hoo yoom fayyisee madaakee san kiisa ?
Gugdikee na baatee ba’aan gubateera humnikee naaf bahees bahees dhumateera otoo akkakee ta’uuf an haadhakee ta’ee otoo lubbuu keetiif lubbuun kiyyaa ba’ee jecha ” ani bade ati jettuu hin gitu Aarsaankee galaana kafalee hin fixu Rabbitu dabaree dabarse qoodakee innumati haa tiksu duraa fi boodakee
Anuu hin danda’u jazaatee kafalee Ebbakee naaf kennii na eebbisi malee kan darbee ni gaha idaa natti hin kuusin imimmaankee qoorsi hin ilalin karaa Boottee na hin boochisin naaf obsi adaraa.
Galattoomaa! Ilmaan Oromoo Kutaa 3ffaan Ittii fufaa**