Walaloo Haadha Kutaa 1ffaa
Walaloo Haadha Kutaa 1ffaa
Haadha tiyyaa aayyoo yaa garaa na deesse Lakkaahee hin fixu galnni kee dacha Yoo akkam siif ta’ee galatakee Galcha?
Siif sirba jechuudhaaf si hin madaalu sirbaan Ati sirbaa oli marroo kumaa dhibbaan si faarsaa Jechuudhaaf faaruu Siif tuffadhe Si’iin nama ta’ee foon namaa uffadhee.
Dhiqxee daara baaftee obaaftee nyaachisaa anaaf jecha kuftee anaaf jecha kaatee anaaf jecha cabdee waan hin taane taatee maqaan ati hin qabne sitti mogga’eera Miillikee baqaqee Dhoohee boba’eera.
Yaa ta dhabaa quufaan ilmoo ofii hin ganne yaa ta yoo dhadhabdellee waan ilmoo ofii hin dhabnee dhabdus dhabduu miti haati qabaattuudha laaftus laaftuu miti hati jabaattuudha
kutaa 2ffaan Itti**fufaa