Manni Murtii Caffee Galmee Obbo Jawaar Mohaammad Bakka Isaan Hin Dhiyaannetti Falmiin Akka Eegaluu Ajaja Kenne.

Manni murtii Caffee Muudaa galmee Obbo Jawaar Mohaammad faa mirga falmachuu isaanii fedhii isaaniitiin dhiisaniiru jedhee, bakka isaan hin dhiyyaannetti falmiin akka eegalu ajaja kenne.


Hidhamtootni siyaasaa Oromoo galmee Obbo Jawaar Mahammad jala jiran Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Caffee Muudaa (Lidataa) jirutti guyyaa har’aa Adoolessa 28/2021 beellama kan qaban yoo tahu har’as akkuma ammaan duraa Obbo Jawaarfaa dhaddacha Mana murtii Caffee Muudaa irratti hin argamiin hafanniiru. Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi Obbo Dajanee Xaafaa akkuma kanaan dura xalayaan mana murtii dhaddacha dhimma isaanii ilaaluuf ibsaa turan beellama har’aarratti akka dhiyaanne tahuun beekamaeera.


Obbo Jawaarfaa ammaan dura Akkuma yeroo lama xalayaan mana murtiif ibsaa turan ajajnii fi murtiin mana murtiitin kennamu cabee namoonni bilisa baha qajeelfama qaama raawwachiiftuutiin qaamota nageenyaa fi tikaa mootummaatin ukkaamfamaa jiraachuu ibsuudhaan beellamoota darban irrattis dhiyaachaa hin turaniin dhimmi isaanii mana murtiin osoo hin taane marii siyaasaan akka furamu himuun isaanii ni yaadatama.


Manni murtii garuu dhimma kanarratti akka waan galmee Obbo Jawaar Mahaammad jala jiran Obbo Jawaar Mahaammad, obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Haamzaa Booranaa, Obbo Dajanee Xaafaa akka isaan falmachuu hin barbaannetti fudhachuun bakka isaan hin jirretti falmiin itti haa fufu jechuun guyyaa har’aa ajaja kennee jira. Ajaja kana keessatti, akka mana murtii ibsetti, Jawaar Mohaammad faa mirga falmachuu isaanii fedhii isaaniitiin dhiisaniiru jedhee, falmii itti aanu bakka Jawaar Mahaammad , Baqqalaan Garbaa, Hamzaa Booranaa fi Dajanee Xaafaa gaggeessuuf akka Lakkoofsa Habashaatti gaafa Adoolessa 30 bara 2013tti beellamuun ajaja kennee jira.

Hidhamtootni siyaasaa Oromoo dhimmi isaanii mana murtiin osoo hin taane marii siyaasaan akka furamuu qabu dubbachuun mana murtii irraa lagachuun mana hidhaa Qaallittii keessatti murna shiftaa Abiyiin durfamuun dararamaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *