Oduu Injifannoo Wabo Adoolessaa 15/Bara/2021 Dubissaa

Godina Gujii lixaa Aanaa Bulee horaa Ganda Buudaa magaadaa iddoo addaa Burqaa golee jedhamtutti gaafa guyyaa adoolessaa 15/bara /2021 barsiisaa lafaa Cibraan MADDA ALBUUDAA Buttaan malkaa sooddaa fi baddaa Magaadaa waliin ta’uun ,Gootichi waraana bilisummaa Oromoo, wantee fi gaachanni sabaa, waraana Shororkeessaa mootummaa iToophiyaa maqaa sakkataan WBOn Godina Booranaa ,Gujii fi ajaja Izii kibbaa Mooraa waraanaa Togoo irraa walitti guuruun boobbafame irrattii tarkaanfii laalessaa fudhateen dhibbaan kan lakkahaamu battalatti yoommuu ajjeessuu waraannii gariin faca’uun bittinnahaanii oruu fi basoonatti faca’anii jiraan
Humnii dabalataa mootummaan bobbaasee Wbo Haxxee hidhuun haleellaa Meeshaalee waraanaa garaagaraa booji’uun dantaaa qabsoo Uummata Oromoof oolcheera. Lollii hanga Bilisummaa oromoo fi Walabummaa oromiyaatti addaan hin citu itti fufaa jedha WBO zoonii kibbaa
Gama biraan Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Amuruu Oborraa jedhamu keessatti Cibraan Odaa Bulluq Waraanni Bilisummaa Oromoo ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran Adoolessa 18/2021 hidhamtoota 120 tahan naannoo sana erga tohannoo isaa jala oolchee mana hidhaa keessaa akka bahan godheera. Hawaasni naannoos tumsa godheef WBOn galateeffateera yeroo ammaa kana bakkoottiin heduun waraana bilisummaa oromoo dhunfatamaa jira
Godina Shawaa lixaa funyaan Finfinnee jalatti WBO zoonii gidduu galeessaa mooraa diinaa heduu barbadeessuun bakkoota heduu dhunfataa jiraachuun gabaafame ona gindabaraat ,cobbii fi daannootti waraannii bilisummaa oromoo sakata’aa bala’aa banuun gandoota heduu kan bilisoomsee yoo ta’u dargaggoonnii kumaantamaan WBO oromootti makamuun leenjii loltummaa fudhachaa jiru yeroo amma kanaas poolisiin humna addaa oromiyaa diinaaf hin ergamnuu du’aa saree hin duunuu daangaa nafxanyaa tikksuuf hin duunuu lafaa fi lafee keenyaa oromiyaaf falmannaa jechuun WBO zoonii gidduu galeessaatti makamaa akka jiraan odeessii nu qaqabee ni ifoomsaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *