Waraana Waliinii Itoophiyaa Akka Dhabatuu Pireezidantii Keeniyaan Gafatee Dr Awwol Aloo Xiinxalan

Waraana waliinii Itoophiyaa waggaa tokkoo oliif gaggeefamaa jiruuf marii siyaasaan furmaata soquuf jaarsummaa Pireezidantii Keeniyaan godhamu abdachiisaadha jedhan ogeessi siyaasa Itoophiyaa xiinxalan Dr. Awwol Aloo.

Jimaata darbe namootni siyaasaa gurguddoon hidhamanii turan gadhiifamuu isaanii hordofee ta’iiwwan jiraniifi abdii waraana kana karaa marii siyaasaa furuuf jiru irratti sagantaa BBC Newshour irratti kan dubbatan Dr Awwol, ibsi hooggantootni Kongireesii Federaalistii Oromoo hidhaa bahan baasan ergaa hin eegamneefi bu’a qabeessa dhaamee jedhu.

Waraanichaaf karaa nagaa falli soqamuurratti dhaamsi dabarsan, hidhaa hiikamuun isaanii marii biyyoolessaa bu’aa buusuuf tarkaanfii jalqabaa ta’uu amanuufi waraana kanaan mancaatii uumameef gadda isaanii ibsuun ergaa akkaan barbaachisaa turee jedha.

”Namootni baayyeen jarreen kun ejjennoon qaban kan biraa ta’uu danda’a jedhanii yaadaa waan turaniif ibsi isaanii baayyee barbaachiisaadha.”

Ammaan tana waraana waggaa tokkoo oliif gaggeefamaa jiruufi gaaga’ama guddaa Gaanfa Afrikaatti uumeef fala gochuuf yaaliiwwan jaarsummaa gurguddoon lama adeemsifamaa jiru.

Tattaaffiin jaarsummaa gama Pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo kan amma bakka bu’aa Gamtaa Afrikaa ta’aniin adeemaa jiru isa ijoo yoo ta’u, kan gama pireezidantii biyya ollaa Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan adeemaa jiru isa biraati.
Mootummaan Itoophiyaa tibba kan namoota siyaasaa hidhaa jiran gariin hiikuun, ergasiis yeroo dheeraaf mootummaa Ameerikaa ”imaammat sirrii hin taaneen mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaa jira” jedhee komatu waliin haasaa bu’a qabeessa gochuu eegaluu gabaasuun waraanni kun xumura argachuuf dhiyaachaa jira abdi jedhu horeera.

Dr Awwolis hidhaa hiikamuun namoota siyaasaa gara marii biyyaalessaatti seenuuf tarkaanfii gaarii ta’uu himu. Haata’u malee, gama kaaniin ”mootummaan naannoo Kaaba Tigraay fi gariin Oromiyaatti nama nagaa xiyyaaraan haleela jira. Dhiibbaan hawaasa idil-addunyaa yoo itti fufee hunduu mariin rakkoo akka furan gochuu mala” jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaawwan xiyyaaraa tibba kana, keessumaa naannoo Tigraay keessatti lubbuu namoota nagaa gaaga’aa akka jiru hojjettoota gargaarsaafi aanga’oota TPLF’n gabaasamaa jiru irratti yaada hin kennine.

Hiikamuun namoota siyaasaa maaliif warra kaan mufachiise?
Jimaata darbe hundeessitoota TPLF tibba waraanni Tigraay jalqabutti mootummaan to’ate kan akka Obbo Sibihaat Naggaa dabalee namootni siyaasaa gariin hiikamuun nama hunda hin gammachiifne.

Naannoo Amaaraafi rogeeyyii dhimma naannichaaf quuqaman irraa komiin jabaan miidiyaa hawaasummaarratti ni dhagaahama.

Komiin kun bulchiinsi MM Abiy, keessumaa hoogganoota TPLF hidhaa gadhiisuun isaa aarsaa gara caaalu naannoon Amaaraa baase busheessuudha jechuun miira ”ganamuu” akka uume marsaalee miidiyaa hawaasaarratti qoodaa jiru.

Kun maaliif ta’e gaaffii jedhuuf Dr Awwol, rakkoon isaa biyya Itoophiyaa akka ijaaramtu barbaadamu irratti adda addummaa fedhaa jirutu sababadha jedhu.

”Beektotnifi dhaabbileen Amaaraa hedduun hiikamuu hidhamtoota siyaasaa mormaniiru, waraanichi karaa nagaa akka xumuramuus waan fedhan hin fakkaatu” kan jedhan Dr Awwol, waraanichi mataan isaa Itoophiyaan fuula duratti biyya akkamii akka taaturratti garaagartummaa fedha jirurraa madda jedhu.

”Warri Amaaraa siyaasa Itoophiyaa barootaaf dhuunfatanii turan. Sirna federaalaa Itoophiyaa kana hin fedhan. Sababni isaa ammoo biyya Itoophiyaa keessatti olaantummaa qaban hin eeguuf. Sabaafi sablammiileen Itoophiyaa sirna federaalaa waan fedhaniif amma rakkoon kun marii siyaasaan kan furamu yoo ta’e inni fedha keenya nuu hin kabachiisu jedhanii yaadu.”

Dr Awwol mootummaan mariin biyyaalessaa amanamaafi hunda hammataan akka gaggeefamu ammallee tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachuu qabaa jedhanii amanu.

Hidhamtoota siyaasaa gariin gadhiifaman kana duuba hedduun ammallee hidhaa jiru, isaan gadhiisuu qofa osoo hin taane waraana adeemaa jiru dhaabuutu irra jiraa jedhan.

”Osoo waraanni gaggeefamaa jiruu, garee kaan marii keessaa hambisuun mariin sun amanamaa hin ta’u.”

Mootummaan Itoophiyaa mariin biyyaalessaa rakkoolee Itoophiyaa furaa jedhee abdatu qaama walaba ta’een akka gaggeefamu Komishinii Marii Biyyaalessaa waggoota sadiif turu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan akka hundeeffamu godheera.

Komishinaroonnis eeruu uummataan akka filataman taasisaa jira.

Eenyutu marii kana keessatti hirmaata, eenyutu hin hirmaatu kan jedhu kan murtaa’u komishinii hundaa’een malee mootummaan miti yaada jedhus amma dura beeksiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *