Walloo Aanaa dawwee harawaa ganda giraanyi Keessatti Dhukaasnii Dhagamaa jira jedhama

Walloo Aanaa dawwee harawaa ganda giraanyi jedhamutti ganama kana humnoonni Amaaraa maqaa raayyaa ittisa biyyaan dawwee keessa soocha’an kumitee gandaa lama ajjeesan.
Akka jiraataan naannawaa ganda giraanyi tokko STMORO’tti himetti ganama har’aa dhukkaasni qaama hin beekkamneefi humnoota amaaraa maqaa raayyaa ittisa biyyaan soocha’an kana gidduutti gaggeeffamuun humnoota amaaraa irraa namni lama battalumatti yoo du’u, humnoonni amaaraa kun miira aariitiin kumitee gandaa kan mootummaaf yeroo hunda ganda keessa deemanii gibira guuran sababa oromoo ta’an qofaaf nama lama battalumatti yeruma san ajjeesaniiru jedhu.
Yeroo ammaa humnoonni maqaa raayyaa ittisa biyyaan soocha’an kun ganda keessa deemanii ummata goolaa jiru jedha maddi keenya.
Kaaba oromiyaa godina Walloo keessatti yeroo ammaa kana Bulshiinsa magaalaa kamisee keessatti hidhamtoonni guyyaa muraasa mana hidhaa Hawaash irra gadi lakkifaminii galamaa abbaa gadaa keessatti hidhamanii jiran kanneen akka haarayatti qabamanis dabalatee achii baasanii gara biraa geesuuf Konkolaataan 20 galama abbaa gadaa biraa akka dhaabbate jiru maatiin hidhamtootaa hnN-tti himaan
Akka nami gabaasa kana nuuf laatee jedhutti maatii hidhamtoota bay’inaan waan achi jiraniif sodaatanii konkolaataa Gabatee irraa buqisanii galmicha irraa xiqqoo achi oofanii haga maatiin hidhamtootaa galan eegaa jiru jedhu.
Odumaa walfakkaatun Godina Matakkal Aanaa Dibaaxii Magaalaa Gaalessaa fi Gandoota naannawaa ishee keessatti Gurraandhala 5 -6 /2022 tti ilmaan Oromoo heddun hidhamuu Maddeen hnn nuuf himan.
Naannichatti hidhaan jumlaa ilmaan Oromoo irratti rawwaatamaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen keenya Abbaa Warraafi Haadha Warraa, akkasumaa Obboleewwan sadii dabalatee namoota hedduutu badii malee hidhaa jira jedhu .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *