Torban kana Aanaa Fantaallefi Boosatitti Lolli Cimaan Deemaa jiraachuutu ifoome. Jiraa Waraanaa Bilstiginnaa Waliin

Torban kana Aanaa Fantaallefi Boosatitti Lolli Cimaan Deemaa jiraachuutu ifoome.

Liyyuu Hayiliin Naannoo Amaaraa poolisii Federaalaa wajjiin Qindaa’uun daangaa Ce’enii Lafa Gororaa jedhamuun beekamtutti hawaasa Nagayaarratti lola bananii jiraachuun dhagayamee jira.

Lola weerartuun lafa oromiyaa ilmaan Oromorratti bante kana ilmaan Oromoo gamtaan dura dhaabbatuun firraa ittisaa jiraachuuniis himamee jira.

Dubbiin lafaa dubbii lafee ta’uu hubachuun Ilmaan oromoo waliif dirmachuun Oromoon Karrayyuu, Oromoon Tuulamaa fi Oromoon Arsii walii dirmachuun Ofirraa qolachaa jiraachuuniis dhagayamee jira.

Kaleeysaas guyyaa 3ffaaf lolli itti fufee kan oole yoo ta’u Lola kanaan uummanni Injifannoo cululuqaa galmeessus namoonni lama wareegamanii jiraachuutu himame.

Namoonni baay’en madaayanii hospitaalatti wal’aanamaa jiraachuuniis dhagayamee jira.

Namoonni wareegaman tokko dhalataa Karrayyuuu yoo ta’u inni lammataa ammoo dhalataa Arsii ta’uuniis himamee jira.

Iyyaa iyya dabarsaa! Nuuf dirmadhaa jechuun jajjabeewwan Aanaa Boosat fi Fantaallee dhaamsa isaanii dabarfatanii jiran.

Oduu karaa biraan
PP’n oduu kijibaa facaasaa jiraachuutu mirkanaa’e. Walii galtee WBO fi TDF mormuun WBO’n bakka 2’tti qoodame oduu jettu facaasaa jiraachuun pp ifa ta’ee jira.

Ololli dharaa ppn hafarsitu kun soba guddaa ta’uuniis mirkanaa’ee jiraachuun Inumaayyuu yeroo ammaa WBO’n hoggansa tokko jalatti deebi’ee bulaa jiraachuun

Ajajaa walii galaa Jaal Marroo godhatanii sosso’aa jiraachuutu mirkanaa’e.

Kana jechuun kan dur caala WBO’n tokkummaan deemaa jira.

PP’n Oromoo burjaajessuun addaan nu qooddee waggaa 3 turuu dandeesse jechuun hayyoonni Oromoo yeroo dubbatan Ammallee karooruma saniin deemuuf oduu sobaa kana facaasaa jirtiis ja’anii jiran.

Akka WBO
keessa waldhabdeen jirtu fakkeessuun ummata abdii kutachiisanii akka WBO’tti hin makamne godhuufiis akka ta’e shira pp irraa hubachuun danda’amee jira.

Hawaasni shakkii akkanaa yoo horate bakka 2’tti baha jedhee karoorfatuun ololaa kan jiran yoo tahu Kana tahuu hubattanii burjaajii jarri uumaa jirtu fashalsuun barbaachisaadha jechuun beeytonni Sabaa jala muranii jiran.

Dubbii kana irratti Dubbataan WBO Odaa Tarbii akka ja’anitti hololli WBO’n bakka 2’tti bahee jira jedhu soba Adii tahuu himee jiraachuuniis mirkanaa’ee jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *