Seenaa Uummata Oromoo Godina Iluu Abbaa Boor Kutaa 1ffaa!
Oromoon Godina Iluu Abbaa Boor Oromoo Maccaati.Maccaan balbala shan qaba.Isaanis:-O
obo,Liiban,Guduruu,calliyaa fi Limmuudha.Oobo immoo ilmaan sadii qaba.Isaanis:- Tummee,Sayyoo fi Leeqaadha.Tummeen ammo ilmaan afur dhalche.Isaan kunis:- Noonnoo, siibuu, Daaphoo fi Buunnoodha.Latiinsa hidda ykn qomoo Maccaa kan ta’e Noonnoon gara godina Iluu Abbaa Boor dhufe.Noonnoon haadha warraa shan qaba.Isaanis:-Haadha Hurrumuu, haadha Adallee, haadha Haleeluu, Biloo fi haadha Abbayyiiti.
Iluu Abbaa Boor keessatti iddoowwan wiirtuu bulchiinsa sirna Gadaa kan ta’an kan akka Odaa Koodoo,Odaa Doggii fi odaa Maaruu turan.Akka ragaan maanguddootaa fi kitaabolee tokko tokko irraa arganne ibsutti sababa fageenya giddu galeessa Gadaa Maccaa kan ta’e,Odaa Bissil irraa kan ka’e oromoon Iluu Wiirtuu ofii isaanii Odaa Doggiitti hundeeffataniiru.Iluun gosa Oromoo hedduu kan of keessaa qabuu fi mootummaa isaa warra Hadheessoo jalatti ijaarratee ittiin bulaa ture. Iluun of gurmeessuun babal’atee seera tumatee Caffee Dooggii irratti wal ga’aa turan.Achittis”Salgee Salganii”mataa Afurtamii shan jedhamuun beekamu.Mataa Afurtamii shanaan kunis bakka bu’oota gosaa fi balbalaati.Isaan kunis:-
Iluu sagal (9)
Noonnoo ja’a (qoroo ja’a).
Cooraa saddeet (8) /Qoroo saddeet
Suphee lama (2)—- Qoroo Nagawoo Booroo
Doorannii Lama (2) —- Qoroo Agamsoo Odaatti
Mattuu Afur (4) —— Qoroo Dagaa Mattuutti
Hurrumuu shan (5) – qoroo Igguutti — Korbeessoo xiixaa.
Buunnoo Torba (7) —- Qoroo Meexxii Shangootti.
Buree Lama(1)—- Qoroo warra Agamsoo Qambuutti.
Walii gala bakka bu’oota Qoroo 45 (Afurtamii shan) caffee Iluu Odaa Dooggiitti argamutti seera akka tumaa turanii fi yeroo booda tumaa kana cabsuun abbootiin duulaa akka aangoorratti hafanii fi mootummaa Iluu akka ijaaran ragaan maanguddoota irra argame ni ibsa.Caaseffamni salgee salganii kanaa olitti ibsame kun bakka bu’oota Qorootiin yoo ta’u, Qomoowwan Yaa’ii saglan Iluu immoo haala kanaa gadiin tarreeffameera.
Qomoowwan Yaa’ii Saglan Iluu
A. Iluu = 9
Hadheessoo
Bachoo.
Birbirsoo
Sapheeraa
Lagoo
Igguu
Adaamii
Badii
Baabbuu
B.Cooraa = 8
Xurii Jiddaa
Husee Waaccuu
Daallamee
Daallee
Aanaa
Wannii
Mutuluu
Aallee
C. Hurrumuu = 3
Igguu
Idooroo
Jirruu
D. Mattuu = 4
Dagaa
Boorana
Leeqaa
Dangajii
E.Buunnoo = 7
Diimaa
Haruu
3.Aabbuu
4.Dikkoo
Tirsuu
Amuumaa
7.Imbiiroo ( Imbeeruu)
F.Noonnoo = 6
Hagaloo
Haleeluu.
3.Biloo.
4.Adallee
Algaa.
6.Daawwisoo
G. Doorannii = 3
Ajiilaa
Barii
Hooliyyuu
H. Suphee = 2
Waayyuu.
Butoo
I.Buree = 1
Warra Qoraattii
Kutaa itti aanutti ijaaramiinsaa fi qoqqoodinsa Iluun taasisuun himna isaa cimsachaa deeme waliin ilaalla. Share waliif godhaa . seenaa wal barsiisaa!