Seenaa Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir Kutaa 2ffaa

Seenaa Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir
Kutaa 2ffaa

Dandeettiifi gahumsi inni qabu daran akka ajaa’ibsiifatamu isa godhus, qondaaltonni waraanaafi bulchitoonni sirna fiwudaala afaan qawwee, keettoo jala kaa’anii waan guyyaa guyyaatti Maammoon raawwatu hordofsiisanii basaasaa waan turaniif carraa leenjii qondaaltummaa loltuu biyya alaatti argate jalaa kuffisuun, yoo barbaade Yuuniversiitii Finfinnee seenee barnootasaa sadarkaa olaanaa akka itti fufu murtiin darbe. Maammoonis xiiqii keessa seenuun ammas yeroo sadaffaaf muummee barnoota seeraafi siyaasaa seenuuf murteesse. Haaluma katoorfateen barnoota seeraa barachuun digiriisaa 1ffaa seeraan xumure. Maammoon seeraafi saayinsii siyaasaa barachuun caalatti dandeettiifi gahumsa isaa jabeeffachaafi ifoomsaa dhufe; gahumsi isaas ija diinaa keessa galaa deeme. Innis falmii haqaa eenyummaasaatiif taasisu caalatti dagaagsuu eegale.

Maammoon wayita Yuuniversiitii Finfinnee baratu sana, waayee Waldaa Maccaafi Tuulamaa; akkasumas dhimma Oromoofi haala qabsoon Oromoo jabaachuu qabu irratti namoota murteessoo wajjin wal arguufi karaa soquu irratti carraa argate. Maammoon goota; hayyuudhas; dhimma Oromoof ciisee hin bulu; namoota ijaara; diina goola; tarsiimoofi tarsiimoofi tooftaa Oromummaa jabeessee diina sakaalu baasaa bula. Kitaabolee dhimma Oromoorratti barreeffaman dubbisa; barreessas.

Maammoon barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee baratan ijaaraafi Miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akka ta’an barsiisaa ture. Maccaafi Tuulamaa deebisanii ijaaruun kaayyoon, kaayyoon wixiname akka Oromoo mara bira gahuuf hedduu ifaajaa ture. Keessumaa Jeeneraal Taaddasaa Birruu wajjin tooftaafi tarsiimoo qabsoo Oromoo utubuuf iccitii jajjabaa mooraa diinaatii baasanii galii qabsoo Oromoof oolchaa turuu isaanii ragaa guutuutu ture. Dr Moggaa Firrisaa akka dubbatanitti, waanti Maammoon karoorsaa ture hojiitti osoo hiilameera ta’ee diina Oromoo hundeedhaan galagalcha ture. Garuu diinni waan haxxummaafi maltummaadhaan Oromoo caalteef, daftee itti dammaqxee Maammoofi Taaddee dhabamsiifte jedhu.

Dabalataan Obbo Leejjisaan waayee Maammoo yeroo ibsan: “Maammoon waayee Oromoofi Oromummaa sekondii tokkoofillee lafa hin kaa’u” jedhu. “Halkan deemaa buleetu Ambo ykn Gudaritti dhaamsa nu biraan gahee deebi’a, gaafa Finfinnee dhufe halkan guutuu waayee qabsoo haasaha; irriba malee nama bulcha; nama barsiisa” jedhu. Maammoon sodaa wayiituu hin qabu, namni sodaa qabu danda’ee isa bira hin taa’u. Oromoon gootaafi hayyuu akkanaa dhabuun umurii guutuu nama guba jedhu Obboo Leejjisaan.

Kutaa 3ffaan itti fufa.
Turtii gaarii!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *