Seenaa Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir kutaa xumuraa
Seenaa Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir kutaa 3ffaa Fi Isaa xumuraa Dhiyaadhaa!
Miseensota Waldaa Maccaafi Tuulamaa irratti duula kan bane mootummaan Hayilesillaasee himata sobaatiin Maammoo Mazammir himate. Koloneel Maammoo Mazammir guraandhala 10 bara 1967 uummata siniimaa Ampiir keessatti walitti qabamerratti Boombii dhukaaftee namoota hedduu miite jechuudhaan himatame. Boombii kana kan kiyyeesse garuu humna nageenya biyyoolessaa yoo ta’u namoota kana keessaa tokko osoo kiyyeessuu itti dhuka’ee harki irraa cite. Guyyaa muraasa booda Maammoon situ dhukaase jedhamee qabame. Erga Boombichi dhohee guyyaa kudhan booda Maammoon gara mana siniimaa geeffamee suuraa kaafame. Mana hidhaa keessattis reebuchaafi dararaa guddaatu irra gahe. Dararaa guddaan boodas Maammoon anatu godhe jedhee akka mallatteessu taasifame. Akkaataa kanaan shira mootummaa Hayilesillaaseen himatamee gaafa guraandhala 28, 1969 murtoon du’aa irratti murtaa’e. Diraamaan kun Maammoo qofa osoo hin taane miseensota Waldaa Maccaafi Tuulamaa hunda qabuuf sababa gaarii ta’e.
Koloneel Maammoo Mazammir gaafa diraamaa sobaatiin murtoon shiraa itti murtaa’ee bakka aanga’oonni sirnichaafi diinonni Oromoo daawwachuuf affeeramanitti fannifamuuf gaawa dhiyaatu laphee dhiibaa muka fannoof qophoofteef jala dhaabatee jecha barabaraan yaadatamuufi boruu abbootii barasii dukkaneessu dubbateetu dhiirummaan gara haada du’aatti seene. Maammoon gaafas waggoota hedduu fuulduratti tilmaamee sirna nama nyaataa sanaan akksa jedhee ture.
“Dhiignikoo dhiiga mirga uummata Oromoo kabajsiisuuf dhangala’edha malee dhiiga tasa lafatti bade miti. Dhiignikoo qabsoon Oromoo akka latuuf bishaan ta’eefii guddisa. Har”a maalummaa uummata Oromoo balleessuudhaaf nama uummata Oromoof qaroo ta’etti murtee shiraa murtan. Damee tokko murtanis Oromoon sagal ta’eetu lata. Dhiiga uummata Oromoo har’a dhangala’aa jiruunis ta’ee kan boru dhangala’uun uummanni Oromoo mirgasaa akka kabajsiifatu hin shakkiinaa. Garuu Mootii badiin ani hin hojjetiiniin murtoon kun akka narratti darbu godheefi fakkaattota isaatti uummata itoophiyaan murtoon wal fakkaataan akka isaanirratti darbu itti naaf himaa!”
Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara 1969 mana adabaa “alam baqqaanyi” jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo Mazammir osoo mirga uummata Oromoof falmee hin fannifamiin dura abbaa ijoollee lamaa ture.