Sabbataa mana hidhaa daalattitti dhibeen garaa kaasaa hammaataan ka’uun hidhamtoonni hedduun miidhamuu maddeen gabaasan.
Sabbataa mana hidhaa daalattitti dhibeen garaa kaasaa hammaataan ka’uun hidhamtoonni hedduun miidhamuu maddeen gabaasan.
Odeessi mana hidhaa Daalattii Sabbataa irraa nu dhaqqabe akka ibsutti guyyaa saftii dheengaddaa achi aantuu gaafa 21/8/2021 hanga harraatti dhibeen garaa kaasaa hidhamtootatti hammaatuun kalee ganama namni hedduun lubbuun darbuun kaan immoo dhibamanii akka rakkataa jiran maddeen keenya naannawa sanii STM tti himanii jiran.
Akka shakkamutti ka’umsi dhukkuba kanaa faalama nyaatarraan kan dhufe yoo ta’u Dhukkubni kun akka qabeen joonjessee kan kuffisu akka ta’eefii dhibamtooti yaala argachaa akka hin jirres himamee jira.
Mana hidhaa daalattii sanatti qabsaa’oti Oromoo hedduun hidhamanii kan jiran ta’uun ni yaadatama. Maatii, firoottanii fi sabni Oromoo haala jiru hubachuun birmannaa gochuufii qabaas ja’ame jira.
Dabalata Koomishiniin Manneen sirraassaa Oromiyaa fi Godina addaa naannawaa Finfinnee rakkoo mudate kana furuu irratti hojjachuun, haala jiru maatii hidhamtootaaf beeysisuu fardii ta’uu maddi keenya kun dabaluun dhaamee jira.
Sabboontonni Oromoo warri sababii ilaalcha siyaasaaf hidhamanii jiran dhibee akkanaa kanaaf saaxilamuun akka maatii hidhamtootattiis ta’ee akka saba Oromotti waan qalbii lammii cabsaati waan ta’eef dhimmi kun dhimma xiyyeeyfannaa guddaa barbaaduus ja’amee jira.