Poolisiin Humna Addaa Oromiyaa Gargaarsaaf Gara Naanno Amaaratti Geffaman Achtti Summii Nyaachifamanii

Poolisiin Humna addaa Oromiyaa naannoo kanneen gargaarsaaf gara naannoo  Amaaraatti geeffaman achitti summii  nyaachifamanii jiraachuun dhaga’ame.

Waraanni humni addaa naannoo Oromiyaa kan lola TPLF waliin gaggeessee Rist lafa Amaaraa deebisuuf bobba’e naannoo Amaaraa keessatti summiin laatameef jedhame.

Akka Odeessa miidiyaalee hawaasaa irra faca’aa jiru irraa hubannetti waraanni humna addaa Oromiyaa kanneen lakkoofsaan 37 ta’an nyaanni summaa’aan laatamuufiin dhagaa’ame.

Kana malees humnoonni naannoo Oromiyaa kanneen nyaata summaawaa nyaatan kanneen hedduu dhukkubsatanii lafarratti kukkufanii argamuulleen ifoomee jira.

Itti fufuuniis Waraanni kunneen hedduun isaanii humna TDF’n booji’amuun isaaniis nii gabaafama

Waraanni kunneen Oromiyaa keessatti manneen uummataa gubuu, uummata nagaa ajjeesuu fi saamichaan uummatni himata. Waraana naamusa waraanaa illee hinqabnedha jedhamuunis komatamu.

Haa ta’u malee summiin tun kennamuufii malee eenyuun akka kennameef maaliif akka kennameef hanga gabaasa kana qindeeysinetti wanti himame hin jiru.

Kana malees humnoonni gargaarsaaf gara naannoo Amaaraatti naannoo Oromiyaarraa ergaman hedduun naannoo Affaar keessatti konkolaataa wajjiin booji’amuun gara naannoo Tigraayitti geeffamuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *