Mootummaan kufuuf daddaaqee lafa dhawuuf warraaqu kun kufaatii isaa wan mullisu Dafaa dubissaa
Mootummaan kufuuf daddaaqee lafa dhawuuf warraaqu kun kufaatii isaa wan mullisu keeysaa tokko akka mormitootatti hiriira yaamaa ooluu isaa tahuutu mul’ata.
Mooraan Qabsoo Oromoo adaduma shirri mootummaa kufuuf jedhuu bal’ataa deemuun jabaataa infannoof warraaqaa jira.
Dur kan barame Mormitootatu mootummaa irratti hiriira bahuun beekkama malee mootummaa akka mormitootatti hiriira yaamaa oolu garree hin dhageenye jechuun jiraattonni Oromiyaa iddoo adda addarraa dubbiin mootummaa barcumarraa darbaminnaa jechuun yaaddoon maraatee kana dubbataa jiran.
PP sadarkaa mootummaa irraa gadi buutee mormituu tahuu isii hiriira mormii guyyaa mara ummata baaftu kanatu mirkaneeysaas ja’amee jira.
Haala guyyumaan hiriira naaf bahiif hawaasa cinqitu kanaan mootummaan warra mootummaa shiraa diiguuf qabsaawan OLA fi TDF fakkaataas ja’amee jira.
Wanni kun waan laayyoo osoo hin taane waan ifatti mootummaan PP kun kufuu cululuysee mul’isaati jechuun keeysa beeytonni himanii jiran.
Lafti Oromiyaa daangaan isii gara kaabaatiin amaara bakka lamatti adda dhooytee tigraay Raayyaafi Azeeboon tan daangeeysitu kutaan walloo yeroo itti Oromiyaan walhabaabsanii diinaan marfamtee jirtu keeysatti eenyummaa Oromummaa isaanii qabatanii jiraachaa kan jiran yeroon itti akka kaartaa isaanii kajalqatti deebi’anii Oromiyaan walitti diriin amma tahuuniis tilmaamamaa Jira.
Naannoo Amaaraa keessa saboonni 5nii ol kan jiran yoo ta’u Sabootni kunneen Amaara jalatti cunqurfamanii jiraataa jiraachuutu hubatama.
Kanaaf naannoon Amaaraa yoo xiqqaate bakka 5’tti adda babbahuu dandayaas ja’amee jira.
TDF kana godhee humna dhabsiisuuf waan deemaa jiru fakkaataas ja’amee jira.
Oromoon Walloo illee haala kanaan Oromiyaatti dabalamuun waan hafu akka hin taanees dubbatamaa kan jiru yoo ta’u mooraan Qabsooo Oromoo shiraafi hammeenya diinaatiin laafuu kan hin dandeenye tahuuniis hubatamee jira.