Miidhaa Wal Waraansi Mootummaa fi TPLF qaqqabsiise. Beektuu,?

Miidhaa Wal Waraansi Mootummaa fi TPLF qaqqabsiise.

Mootummaa Itoophiyaa fi Humnootii Tigraay ykn TPLF giddutti lolli kallattiin erga eegalee waggaa gahuuf dhihaateera.

Lola waggaa tokko hin guutiin kana keessatti garuu gama lamaaniifuu lubbuu fi qabeenyi hedduun barbadaayeera.

Keessattuu gama Naannoo Tigraayi loltoota TPLF qofa osoo hin taane hawaasni nagayaas miidhaa gurguddaaf saaxilameera.

Ummata Tigraay irratti waraanni Mootummaa gocha suukanneessaa gara garaa raawwachuu dhaabbileen mirgoota namoomaf falman hedduun saaxilaniiru.

Kanaanis namoonni nagayaa hedduun ajjeefamuu, dubartoonni dirqiin gudeedamuu mirgi daa’immaani sarbamuu fi Ummanni Miliyoonaan lakkaa’amu qa’ee irraa buqqifamuun dhaabbilee gara garaatin gabaafameera.

Lolli kun kan eegale wal dhibdee Siyaasaa dhaaba biyya bulchaa jiru Baldhinna jedhamuu fi TPLF giddutti kan uumame yoo tahu

TPLF(Wayyaaneen) dhaaba dur waggoota 27 biyya bulchaa turteedha, TPLF bara aangoo isheetti dhaaba har’a biyya bulchaa jirtus hoggansa Ihaadig jedhu jalatti bulchaa kan turte yoo tahu dhaabdi kunis yeroo sanitti OPDO jedhamuun beekkama.

Haa tahu malee fincala Naannoo Oromiyaatti Qeerroo fi Qarree Oromootin laboobeen Wayyaaneen laamshoftee harka akka kennattu yoo taatu MM.Ministeera yeroo sanii H/Maaram Dassaalany fedhaan aangoo akkuma dabarseen OPDO carraa biyya hogganuu argattee hoggansa fudhatte.

OPDO akkuma 4kiiloo galteen jijjiirama tokko tokko muldhisuuf yeroo jettutti gidduun gochoota Ummata wal dura dhaaban uumuu eegalte san keessaa tokko Paartilee Naannoolee diiguun Paartii tokko kan maqaan Bilxiginnaa jedhu hundeessuu akka barbaadu MM Abiy Ahmad yaada yoo dhiheessu TPLF kana koonkumaa hin fudhu jette.

MM.Abiy Ahmadis kun dirqiin raawwata jechuun kan TPLF irraa hafe Paartilee Naannoolee biroo hundaa diiguun Bilxiginnaa yoo ijaaru TPLF waanuma fedhe dhufa malee kana hin fudhu jechuun dide.

Dhumarra osoo walitti gaarrefatan TPLF kaampii waraana Mootummaa Kaabaa yoo haleeltu Mootummaan immoo gocha deebii jechuun Waraanni isaa dirqiin daangaa Tigraay akka cabsu ajaja dabarse.

Waraannis akkuma ajajametti tarkaanfii fudhachuu yoo eegalu lola guddaa gidduu lamaanitti adeemaa tureen gama lachuufuu lubbuu fi qaneenyi hedduun badaniiru.

Lolli kun ammas osoo hin dhaabatin kan itti jiruu fi hamma ammaattis lubbuu namoota fi qabeenyi hedduun sababa lola kanaa aarsaa taha jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *