Manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii mootummaan Itoophiyaa murtoo paartilee  shororkeessummaan moggaase kaassuun mariif akka of qopheessu gaafate.

Manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii UNSC mootummaan Itoophiyaa murtoo paartilee  shororkeessummaan moggaase kaassuun mariif akka of qopheessu gaafate.

Manni maree moorummoota gamtoomanii guyyaa kaleessaa dhimma sarbiinsa mirga namoomaa fi dhumaatii lammiilee Itoophiyaa wal waraansa waliiniitiin harca’aa Jiranii ilaalchisuun wal ga’ii taa’ee ture.

Marii mann marichaa geggeesse irratti argamuun kan haasawa kan godhan barreessaa olaanaan mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutareez wal waraansi furmaata hin fiduu jedhaniiru.

Biyyoonni miseensota mana marichaa ta’an yaada kennaniin, mariin hundaa hirmaachise akka geggeeffamuuf ni jajjabeessinaa jedhaniiru.

Torbanoota muraasa dura Itoophiyaa deemuun haala biyyattiin keessa jirtu ijaan kan ilaalan UN-tti hojjataa ln gargaarsa yeroo ariifachiisaa Maartiin Giriifiitiis argamani jabinaa fi bal’ina rakkoo biyyattii keessa jiru ibsaniitu.

Mmootummaa Itoophiyaa uummata nagaa wal waraansaan daakaa jiru dhaabsisuuf filannoo hundumaa nan fayyadama kan jette Amerikaan michoonni ishee mootummaa ofiin bulaa Itoophiyaa kana irratti qoqqobbii akka gataniif gaafataa jirti.

Guyyaa kaleessaa dhimmi sarbiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raaawwachaa jiru mata duree marichaa ka ture oggaa ta’u , biyyattiin balaa guddaa keessa seentee jiraachuu ishee biyyoonni heedduun waan amanan fakkaata.

Manniarichaa murtoowaan heedduu kan dabarse oggaa ta’u, marii qaamolee hundaa hirmaachise akka grggeeffamu, qaamoleen wal waraansa irratti hirmaachaa jiran lola akka dhaaban, humnootiin biyyoota ollaa Itoophiyaa keessaa akkaa bahaan, murtoon paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessummaan paartilee biyyattii moggaase akka haqamu , dhiheessiin namoota gargaarsi barbaachisuuf akka qaqqabutti daandii hunduu akka banamu gaafataniiru.

Manni maree kun wal waraansichi guutummaa biyyattii keessatti babal’achuu isaatiin yaadda’uu isaas ibseera.

Wal waraansi baatiwwan sagaliif naanoo Tigraayi keessatti tasifamaa jiru kisaaraawwan heedduu fi gatii lubbuu danuu baasisuu isaas kan yaadachiise manni maree mootummoota gamtoomanii, biyyattin rakkoo dinagdee fi faayinaansiif saaxilamaa jiraachuu kaaseera.

Itoophiyaan sharafa alaa dhabuu isheetiin liqa biyyoota garagaraa fi baankota alaa irraa fudhatte deebisuu dadhabuun ishee ni yadatama. Kana malees qisaasama sharafaa irraa na olcha jechuun biyyattiin Imbaasiwwan ishee biyyoota garagaraa keessa jiran 31 cufuun ishees ni yaadatama.

Murtoo manni maree nageenyaa addunyaa I tooth yaatti nageenyi akka dhufuuf dabrse kana mootummaan  Itoophiyaa akka qoosaatti ilaaluun , inumayyuu wal ga’ii marii geggeeffameen injifannoo galmeessine jechuun Amerikaa abaaraa jiru.

Dhaabileen mirga namoomaa heedduu fi manni maree nageenyaa UN kanaan duras Mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuun marii hundaa hirmaachise akka geggeessuuf gaafachaa turaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa garuu gaaffii marii biyootni heedduun gaafachaa turanii fi kaleessas manni maree Nageenyaa UN gaafate diduun waraana haaraaf of qopheessaa jira.

Amerikaan gama isheetiin qooqa mana maree nageenyaa keessaa qabduun mootummaan Itoophiyaa marii nageenyaa taasisuun mirga lammiilee isaa akka kabjuuf dhiibaa uumuun alatti, murtoo  kophaa isheetiinis dinagdee biyyattii irratti haleellaa rawwachaa jirti kanaanis , biyyattiin ulaagaa garichaa hin guutne jechuun miseensota daldala gabaa bilisaa AGOA keessa haquuf karoorfattee jirti.

Mariiin amana maree nageenyaa UN murtoo waraanni dhaabbatee qaamoleen hunduu marriif akka of qopheessan kan gaafate oggaa ta’u , Mootummaan Itoophiyaa ni didamoo ni fudhate kan jedhu waanti beekamu hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *