Godina Harargee Bahaa bulchinsa magaalaa dirree dhawaa keessatii wan Hangasan Gosisee iccitii Dubissaa
Godina Harargee Bahaa bulchinsa magaalaa Dirree Dhawaa keeysatti waajjiraalee argaman keeysaa waajjirri akka Waajjira dhimma qonna bishaaniifi albuuda fedhii hojjattoota isaatiin alatti mindaa ji’aan hojjattootaaf kafalamurraa hanga tokko muree jiraachuu maddi keenya tokko STM tti hime.
Akka maddi keenya kun ragaa bahutti wajjirri kun dirqamaan raayyaa ittisa biyyaa kan isiniif lolaa jiruuf maallaqa gargaarsaa gumaachuu qabdan jechuun fedhii hojjattootaatiin alatti mindaa hojjatootarraa muranii jiraachuu ifoomsa.
Kana malees bulchinsa kanatti hojjattoota mootummaa qofa osoon taane hawaasa manneen dalagaa qabaniis irra daddeemuun gargaarsa dirqamaan guuraa akka jiran maddi keenya kun hawaasa wabeeffachuun ibsee jira.
Dhimma muramuu mindaa hojjattootaarratti itti gaafatamaa waajjira qonna bishaaniifi albudaa dubbisuuf karaa toora bilbilaatiin yaalluus yaaliin keenya nuufin milkooyne. Tahuus akka hojjataan itti dhiyeenyaan keessoo waajjirichaa beeku kan haala nageenya isaatiif maqaafi sagaleen isaa akka dhageyamtu hin barbaanne tokko himutti muramuu mindaan hojjatootaatiin wal qabatee hojjatootaaf wanti ifa galeefi wanti irratti mariyatame kan hin jirre yommuu tahu, yeroo qalayinsi jireenya saffisaan dabalaa dhufe kanatti kana godhuun sirri miti jechuun hojjattoonni falmaarra jiraachuu eeruu nuuf kennee jira.
Kanaan alattiis bulchinsichatti namoonni hojjatoota mootummaa tahanii quuqama sabaasaaniif qabaniifi filannoo shiraaf cubbuun guutamte tan marsaa jahaffaa biyyattiin gaggeeysitee irratti kaardii filannaa fudhachuu didan yeroo ammaa sababa hin taaneen iddoo hojiitii dhiibbaan adda addaa itti godhamaa kan jirtuufi kanneen lakkoofsaan muraasa tahan ammoo hojiirraa gaggeeyfamanii jiraachuus gabaasni Dirree Dhawaarraa STM dhaqqabe ifa godha.
Oduma wal qabateen harargee lixaa keeysattiis qaalayinsi jireenya gar malee dabaluun haalaan kan isaan yaachise tahuu jiraattonni karaa toora bilbilaatiin STM Niif himan.
Jiraattooni Lixa Oromiyaa akka jahanitti qaalayinsi jireenyaa hedduu dabaluurraa kan kahe hawaasni harka qalleeyyiin kanaan duraa dalagaa guyyaa hojjachuun jireenya mataasaanii gaggeeffachaa turan yeroo ammaa jireenya gaggeeffachuu dadhabuun rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuu himu.
Dhumarratti ammoo qeerroowwan Harargee Lixaarraa STM iif bilbilan rakkoo daba dimukraasiifi siyaasa shiraa kan gareen gaggeeysiituu faallaa sirna dimukraasii kan amma biyyatti gara qileetti ceesisaa jirttu ummata Oromoorraan gaha jirttu kan dhaabbatuufi kan fashalaahuu dandahu yoo ummanni keenyaa iddoo jiruu wal qabatee wal dhageyee tokkummaa cimsate malee akka kanaan duraatti Oromoo kanatu miidhe saanitu miidhe jechuun wal burjaajeessuu hin qabnu, uummaata Oromoo duriis Ammaas kan miidhe kan miidha jiruus Humna dhabudha kanaaf Humna qabnuu jabeeffachuun Abaalu waliin walii galuun sirrii miti walii galuunis sirriidha jennee wal afaan deebi’un gaatii nu kafaalchisa waan taheef bakka jirruu waraana WBO kan Oromiyaaf Oromoo bilisa baasuuf cichaa jiru jabeeffachuun gargaarree Oromiyaa bilisa baasuu qabna jechuun yaadasaanii goolabanii jiran.