Finfinneetti Jijjiirraan Maallaqaa Gabaa Gurraachaa Dabale Jedhame!

Finfinneetti Jijjiirraan Maallaqaa Gabaa Gurraachaa Dabale Jedhame!

Finfinnetti sharafa alaa isa idileen alatti jijjiirraan seeraan alaa gabaa gurraachaa guyyoota darban keessatti haala olaanaa taheen dabaleera.

Torbee darbe irraa qabee doolaariin tokko birrii 64 hanga 68 sharafamaa akka jiruufi haala garaagaraan immoo hanga birrii 72 akka gahu namni hojii kanarratti bobba’an himaniiru. Gabaa idilee irratti hanga doolaara 45tti sharafamaa jira.

Kunis kan agarsiisu kufaatii dinagdee ol’aanaa Itoophiyaan keessatti kufte ta’uu ogeessonni dinagdee ni dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *