Daandii milkaahinaa kutaa 2ffaa .ha ilaalluume

Daandii milkaahinaa kutaa 2ffaa .ha ilaalluume yeroo darbee kutaa 1ffaa ilaalee turee ammaa Garuu kutaa 2fifa irra kaane wajiin ilaala .
Daandii milkaahina akkuma kanaan duraa irra baraachuuf yaale ammas itti dabalee wajiin ilaala.

Egga namni tokko daandiin milkaaha irra gahuuf karaa ykn xurree isaa barbaachiisa. Daandii kun immo karaa qajeela fi mijataa ta’u dhiisu mala .namni kamiyyuu milkaahina dura dandii jajaalaaf wal xaxaa hedduu keessa erga darbee booda kan inni haala mijaaf milkoomina bira gahuu ha ta’uu male milkaahu jechuun waan gaarii ykn waan qajeela hojjechuu mitii waan keessa nama jiru kaayyoon karoorrii nama tokko bifa barbaadameefi ykn isaa ol ta’ee namaaf xummuramuu ykn rawwaachuu jechuudha male. Namni akkata umaama isaarra kahee fedha adda Addafi kaayyo adda adda qabatee dhalate waan ta’eefi inni tokko biyya bulchuu barbaada inni tokko Doctor beekamaa Addunyaa ta’ee hojjechuu barbaada inni tokko warrana ta’ee lolee galma barbaadu gahuu fedha.inni kan biraan immo soorromee beekamuu barbaada.kan biraanis baratee xiyyaara balaaliisuu barbaada.kun hunduu galma gahuuf Garuu dandii adda adda isaan barbaachiisa.inni lolu lolee injifaachuuf yeroo dheeraas ta’ee gabaabduu keesaatti xumuruu danda’a.garuu lubbuu isaa du’atti kenne qabsaha. Yoo milkahee immo diina isa injifatte irra aana ykn immo ofiisaati warregama.
Akkasuma inni baratee Doctor ta’ee jiraachuu barbaadu milkaahina isaa dura mudannoo meeqa darbee gaatii meeqa kafalleetti.kan achi gahu halkan irriba dhabee kitaaba meeqa dubbisee yeroof fedhii jireenya foon isaa kan gammachiisuu guutachuuf yeroo hojii waan hin qabannef gammada ta’u dhiisa mala sabaabii isa yeroo barnoota male yeroo hojii ittin ofii isaa gammachiisuuf qabu hin qabu waan ta’eef.

Inni biyya bulchuu yeroo meeqa erga irratti kaayyeffatee booda kan irra aanuu danda’uu ammuma kahee ammumma bulchuuf carran isaa dhiphaa waan ta’eef daandii heddu hulluuqeetti kan irra gahu. Kanaaf kuttannoof ejjennoo mataa keenyaa nu barbaachiisa kan jennuuf nama dhageeffaachuuf nama kaayyoo mataa isaa qabu tokkof hin fayyadu ejjennoo dhuunfaa isaa irratti hundaa’ee gorsaafi yaada isaa barbaachiisu qofa yoo argatte hojiisa itti fufuu qaba kana ala mareef yoo nama bira wajiin deeme namni sun hamilee isaa waaan caabsu qofa hasaha waan ta’eef namni immo matoorii hojii isaatti Waaqayyoo gadiiti hamilee isaa yoo nagaa ta’ee waan itti murteefi kaayyo isaa ta’ee hojeechuu danda’a

Kanaatiifu dandiin milkaahina maal kan jedhuuf danndi mijaata barbaaduuf egaachuu dhisuudha milkahina barbaadna taanaan haala mijaata eegnee yeroo keenyaa yoo gubne milkoominni keenya nu jala kufa jechuudha..
Kutaa 3ffaan bor galgaala waan itti fufuuf hayaatan nu HORDOFUUN keessan ha jabatun Jedha nagaa naaf ta’a sabakoo har’aafi saba jaalala f kabajaama saba oromoo fuldurri keenyaa bilisummaa dhugaa nuuf haa ta’u galatooma naaf jiraadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *