Ajjeesanii ilmaan Oromoo Bosonatti gataa lola hin barbaachifneen lammii calaasanii Badhaadhinatti isin ceesifna jechuun cubbuu jechaaf gocha bira dabre ta’uu isaatu dubbatama.
Ajjeesanii ilmaan Oromoo Bosonatti gataa lola hin barbaachifneen lammii calaasanii Badhaadhinatti isin ceesifna jechuun cubbuu jechaaf gocha bira dabre ta’uu isaatu dubbatama.
Daargaggoo abdii egeree maatii fi biyyaa ta’e waraana hinbarbaachifneef hiriirsanii obboloota lamaan wal ficcisiisanii badhaadhinatti isin ceesifna’ Jechuun kun Dogoggora qofa osoo hin taane cubbuu seenaa keessatti dhiifama hinqabnees ja’amee jira.
Gidiraafi roorroon mootummaan shiftaa kun hawaasa Oromoo bal’arratti raawwataa jiru kan dubbachuun ulfaatu ta’uuniis dubbatamee jira.
Haala lixa Oromiyaa keeysatti amma deemaa jiru kan bara Wayyaanee tureen wal cinaa qabanii ilaaluun yoo barbaachise, dararaan hawaasa irra gahaa jiru, isa kan bara Wayyaanee sana dachaa 10 caalmaa hammaataa qabaachuu keeysabeeytonni dubbataa jiran. Dukkana lafa bariitti hammaate waliin akka walfakkaatuus kaasanii jiran.
Karaa biraatiin
Bobbaa #Laggasaa_Wagii ilaalchisuun
Guyyaa 19/08/2021
WBOn G/G Lixa shagar ona ilfataa ganda ittisaa bakka yadal jedhamtutti waraana PP gaafa 18/08)2021 sa’aa 11:00 hanga halkan sa’aati 2:00tti haleeluun 22 battalatti yoo daaraa taasisu 15 madoon adabee jiraachuutu himama.
Diinni lola kanaan faffacaatee halkan sana kuftee cabdee magaalaa #bakkeetti kan galte galtee kaanimmoo faffacatee karaa baddee Joora kan jirtu WBO ganama kana (19/08/2021) duukaa bu’uun gugsee funaana jiraachuun mirkanaa’ee jira.